Ijaarsa gamoo giddugala leenjii utaalcha qilleensaa baasii Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 70 ijaarsisuuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame
Finfinnee, Gurraandhala 24, 2013 (FBC) – Ijaarsa gamoo giddugala leenjii utaalcha qilleensaa baasii Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 70 ijaarsisuuf dhagaan bu’uuraa kaa’ameera.
Eetaamaajoorri waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Jenaraal Birhaanuu Juulaa Giddugala leenjii humna duultoota addaa jalatti kan argamu; ijaarsa gamoo mana barumsaa utalcha qilleensaaf dhagaa bu’uura mooraa humna qilleensa Bishooftuu keessa kaa’aniiru.
Gamoon ijaaramu dandeettii mana barumsichaa cimsuuf kan tajaajilu tahuu ibsameera.
Ijaarsi gamoo kanaas waggaa tokko keessatti xumuramuun tajaajilaaf banaa ni ta’a jedhameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.