Fana: At a Speed of Life!

Iiraan buufata looltoota Ameerikaa haleelte

Finfinnee, Muddee 29, 2012 (FBC) – Iiraan buufata looltoota Ameerikaa haleelte.
 
Haleellaa baalastiik miisaa’elaa Iiraanin buufataaleen humna qilleensaa Ameerikaa lama rukutamaniiru.
 
Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Ameerikaa haleellichi gaggeeffamuu mirkaneessera.
 
Tarkaanfiin Iiraan fudhatte kun haaloo ba’annaa janeraala ishee Ameerikaadhan Jimaata darbe jalaa ajjeefameeti.
 
Janaraal Qaasiim Sulemaaniin Jimaata darbe buufata xiyyaaraa Iiraaq keessatti ajjeefamuun ni yaadatama.
 
Ajaja preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp dabarsaniin janaraalichi buufata xiyyaaraa Iiraaq keessatti haleellaa xiyyaara nam maleessan konkolaataa isaanii keessatti ajjeefamaniiru.
 
Haleellaa miisaa’elaa Iiraan gaggeessiteen buufataaleen loltoota Ameerikaa Iiraaq naannoo Irbiilii fi Al Asaad keessatti argaman rukutamaniiru.
 
Amma ammaatti loltoonnis ta’e namoonni biroon miidhamuun garuu adda hin baane.
 
Iiraan tarkaanfiin fudhatte haaloo ba’annaa janaraala ishee Jimaata darbe Iiraaq keessatti Ameerikaadhan jalaa ajjeefame sababeeffachuun ta’uu beeksisteetti.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.