Fana: At a Speed of Life!

Iid Aal-Faxir addeessi har’a yoo muul’atte booru; yoo muul’achuu baatte iftaan kabajama

Finfinnee, Caamsaa 14, 2012 (FBC) – Ayyaanni Iid Aal-Faxir 1441ffaan addeessi har’a galgala yoo muul’atte booru; yoo muul’achuu baatte iftaan kabajama.
 
Preezdaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Ityoophiyaa Muuftii Hajjii Umar Idriis hordoftoota amantaa Islaamaa maraan baga ayyaanicha geessan jedhaniiru.
 
Guyyaa ayyaanichaatti salaatni jam’aa kan hin jiraanne ta’uu ibsaniiru.
 
Hordoftoonni amantaa Islaamaas mana mana isaanii taa’anii ayyaanicha akka kabajan dhaamaniiru.
 
Namoota harka qalleeyyii deeggaruun akka dabarsanis ergaa dabarsaniiru.
 
Ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaanis ayyaanichi vaayrasii koroonaa ofirraa ittisaa of eeggannoodhan akka kabajamu dhaamaniiru.
 
Of dagannaan kan hin barbaachisne ta’uus imaanaa jedhan.
 
Qulqullina ofii eeggachaa, qaamaan walirraa fagaachuun, qalbiin walyaadachaa akka kabajamu dhaaman.
 
Qalmis yoo gaggeeffamu of eeggannaadhan akka ta’u gaafataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.