Fana: At a Speed of Life!

IGAD Walga’ii ariifachiisaa viidiyoo konfaransiin gaggeessaa jira

Finfinnee, Eebila 15, 2012 (FBC) – walga’ii ariifachiisaan 71ffaa Mana Maree Ministirootaa Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa viidiyoo koonfaransiin gaggeeffamaa jira.
 
Konfaransiin mana maree ministirootaa kun haasawa dura taa’aa yeroo mana marichaa Ministira Dhimma Alaa Sudaan Asmaa Abdallaahi fi barreesaa olaanaa ‘IGAD’ Dooktar Warqinaa Gabayahun banameera.
 
Kaayyoon konfaransichaa walitti bu’iinsa Sudaaniitti uumame hiikuuf waliigaltee mallattaa’e gamaaggamuun murtee dabarsuufi jedhan.
 
Viidiyoo konfaransii kanarratti Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota minseensa Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa hirmaachaa jiraachuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaa FDRI irraa argame ni muul’isa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.