IGAD Dhimma Sudaan Kibbaarratti Yaa’ii Ariifachiisaa gaggeesse
Finfinnee, Bitootessa 3, 2017 (FMC)- Yaa’iin 43ffaa Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa gaggeeffame.
Yaa’iin Intarneetiin gaggeeffame kunis haala waqtaawaa Sudaan Kibbaarratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.
Yaa’icharratti Barreessaan Olaanaa IGAD Dooktar Warqinaa Gabayyoo, Dureewwan Biyyoota Miseensa IGAD fi Hoggantoonni dhaabbiilee idil Addunyaa fi naannawichaa biroon argamaniiru.
yaa’ichaan booda ibsi ejjennoo waloo kan kennamu ta’uu ragaan Dhaabbaticharraa irra argame ni mul’isa.
IGAD waldhabdeen Sudaan Kibbaa mariin akka furamuuf, mudaamni akka tasgabbaa’uu fi fuuldurri ummataa Sudaan kibbaa nagaa akka ta’uuf hojiilee eegale cimsee kan itti fufu ta’uu ibseera.
#Oromia #Ethiopia