Fana: At a Speed of Life!

IGAD Aangoo Dooktar Warqinaa Gabaayyoo waggoota 4’f dheeresse

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2015 (FBC)- Dhaabbanni Misooma Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD ) Dooktar Warqinaa Gabaayyoo waggoottan arfan dhufaaniif Barreessaa Olaanaa Dhabbaticha ta’uun akka itti fufan beeksise.

Dabalataanis, aangoon Duraa Ta’ummaa marsaadhaan Biyyoota miseensa IGAD qaqqaabuun, waggoottan arfan darban Dura Taa’ummaan tajaajila kan turte Sudaan, Jibuutiif dabarsiteetti.

Walga’ii biyyoota miseensa IGAD irratti Muummee Ministira Dooktar Abiy Ahimad dabalatee Pireezidaantonni biyyoota Jibuuttii, Soomaliyaa, Keeniyaa, fi Sudaan Kibbaa argamaniiru.

Walga’ichaan haala waqtaawaa Sudaanirratti mari’atamuu ragaan Jibuutiitti Embaasii Ityoophiyarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.