Iddoowwan gareen shororkeessaa Shanee socho’utti tarkaanfii qindaa’aan fudhatamaa jiraachuu ibsame
Finfinnee, Gurraandhala 21, 2014 (FBC) – Godina Qeellam Wallaggaa, Wallagga Lixaa fi iddoowwan garaagaraa gareen shororkeessaa Shaneen socho’utti tarkaanfii qindaa’aan fudhatamaa jiraachuu Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa ibse.
Garee shororkeessaa Shaneen godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti qonnaan bultootaa fi lammiilee nagaa ajjeesuu, saamuu fi ukkaamsuun rakkoo cimaa geessisaa jiraachuu ibsameera.
Garecha balleessuuf uummataa fi qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun tarkaanfii qindaa’aan fudhatamaa jiraachuu Ittaanaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa obbo Hayilee Gurmeessaa ibsaniiru.
Godinaalee Qeellam Wallaggaa fi Wallagga Lixaa dabalatee bakkeewwan garechi socho’utti tarkaanfii qindaa’aan fudhatamaa jiraachuu eeraniiru.
Tarkaanfii fudhatamaa jiruun miseensonni garechaa fi meeshaaleen waraanaa hedduun to’atamaa jiraachuu ibsuun tarkaanfiin qaamolee nageenyaan fudhatamaa jiru cimee kan itti fufu ta’uu himaniiru.
Naannichatti godinaalee garaagaraa keessatti garee shororkeessaa Shaneen rakkoo nageenyaa uumaa jiraachuu fi tarkaanfii qindaa’aa humni nageenyaa uummata waliin ta’uun fudhateen nageenyi fooyya’aan mul’achaa jiraachuu ibsaniiru.
Godinaalee Shawaa Kaabaa fi Shawaa Lixaatti garechi namootarratti gocha gara jabeenyaa raawwachuu yaadachiisuun tarkaanfii qindaa’aan irratti fudhatamaa jiraachuu himaniiru.
Godinaalee Wallaggaa, Gujii Lixaa fi Gujiitti garechi barbadaa’aa jiraachuu fi godina Wallagga Lixaatti tarkaanfii cimaa fudhatameen aanaaleen lama garecharraa bilisoomsuun danda’amuu eeraniiru.
Tarkaanfii walfakkaataa godina Gujiitti fudhatameen naannichi bilisa ta’uu kaasaniiru.
Garee Shororkeessaa Shanee guutumaan guutuutti dhabamsiisuun nageenya waaraa mirkaneessuuf qaamoleen nageenyaa fi uummanni qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Maddi:- TOI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.