Fana: At a Speed of Life!

Iddooleen tarsiimoo waraanaa murteessoo ta’an garee ABUT harkaa baafaman jedhame

Finfinnee, Hagayya 11, 2013 (FBC) – Iddooleen tarsiimoo waraanaa murteessoo ta’an gareen ABUT qocholaa raawwachuuf qabatee ture Poolisiin Federaalaa fi qaamleen nageenya biroo waliin ta’uun gadi dhiisiisuu ibsame.
Gareen kun naannoo Magaalaa Qoobbootti garreen waraanaaf murteessoo ta’an 4 Adoolessa 14, 2013 to’achuun jiraattoota magaalaa Qoobboof sodaa olaanaa ta’ee turuu ibsameera.
Yaa ta’uutii Poolisiin Federaalaa Humni darbatamaa Diivizyiin 4 Raayyaa Ittisaa fi qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun miseensota garee ABUT hedduu barbadeessuun gaarreen Arfanuu deebisanii too’achuu ibsameera.
Iddooleen murteessoon kunneen to’atamuu fi miseensonni garee shororkeessaa hedduun barbadaa’uun isaanii tasgabbii uumuu ibsameera.
Miseensonni kunneen yeroo ammaa dirqama biroof qophii ta’uu Daayreektoreetii Kaabaatti Itti aanaa Ajejaan kuma humna darbatamaa Inispeektar Hasan Abduun dubbachuu isaanii Ragaan Komishinii Poolisii Federaalaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.