Iddoolee gareen shororkeessitootaa weeraretti ummanni qabsoo taasiisaa jiru cimsee itti fufuu akka qabu waamichi dhiyaate
Finfinnee, Sadaasa 4, 2014 (FBC) – Iddoolee gareen shororkeessaa ABUT weeraretti ummanni qabsoo taasiisaa jiru cimsee itti fufuu akka qabu waamichi dhiyaateera.
Godina Walloo Kaabaa Waagumraa fi Walloo Kibbaatti hawaasni ofiin of gurmeessuun garee shororkeessaa haleeluun iddoo garichan qabamee ture to’annoo jala oolchaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.
Mootummaan wareegame ummanni taasiisaa jiru kan deeggaru ta’uu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun ibsaniiru.
Garichi Shaneen waliin qindoomina uumuun sochii taasiisaa jiru Raayyaan Ittisaa Humna Addaa, Milishaa fi ummata waliin ta’uun haleellaa raawwataniin garicharra kisaaraa guddaan ga’uun naannoo Kamiseetti marfamee jiraachuu eeraniiru.
Waamicha birmadummaa taasiifame hordofee dargaggoonni hedduun raayyaa Ittisaatti makamuu Dooktar Laggasaan kaasaniiru.
Tarkaanfii shaneerratti fudhatamaa jiru cimee itti fufuu fi dargaggoonnii fi hawaasni naannoo Oromiyaa tumsa taasiisaniif galateeffataniiru.
Iddoo hundatti hawaasni deeggarsa taasiisaa jiru cimsee itti fufuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.