Fana: At a Speed of Life!

Idaawwan Itiyoophiyaanotaa gara miindaatti geeddaruun badhaadhina Itiyoophiyaa ni dhugoomsina-Paarticha

Finfinnee, Mudde 23, 2016 (FBC)- Idaawwan Itiyoophiyaanotaa gara miindaatti geeddaruun seenaa haaraa hojjechuun ashaaraa dhaaloonni leellisaa jiraatu kaa’uun badhaadhina Itiyoophiyaa ni dhugoomsina jechuun Paartiin Badhaadhinaa ibse.

Paartichi qormaatilee darbuun cabiinsa seenaa Itiyoophyaa qajeelchuun, bu’uura waaraan fuulduratti akka tarkaanfattu taasisuuf, carraaqqiin hojjechuun bu’aalee maalchisoo galmeessuu akka dandeesse eereera.

Iddaawwan seenaa turan keessaa ba’uun carraalee boonsaa fi seenaa Itiyoophiyaa turan fayyadamuun, carraa gaarii jiran hubachuun murteewwan yeroon faanaa adeeman fudhachuun olka’iinsa biyyattii mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu Paartiin Badhaadhinaa beeksiseera.

Itiyoophiyanonni yoo waltaane, haala garaagaraatiin carraalee akkasumaan balleessinee fi dhabne sirreessuu akkasumas tokkummaa sabdaneessummaa bu’uuressuun, qormaatilee gara carraatti jijjiiruun, badhaadhina mirkaneessuu akka dandeenyu pirojektoota guguddaa ijaaramaa jiranii fi hariiroon dippiloomaasummaa idil addunyaa akeektuu ta’uu ibseera.

Paartichi, Itiyoophiyaan guutummaatti gara misoomaa fi walta’iinsaatti fuulleffachuun qajeeltoo fayyadamummaa diinagdee haqa qabeessaa irratti bu’uureffateen, biyyoota olla waliin dippilomaasii qabdu ijaaraa, Afrikaanonni rakkoolee isaanii marii fi fayyadamummaa waloorratti kan bu’uureffate akka ta’uuf qabatamaan hojjechaa jiraachuu akeekeera.

Gama kanaan itti fayyadamni karra galaanaa Itiyoophiyaa naannawicha misoomaan kan walitti hidhu, abbolummaa Afrikaanummaa cimsuun waloon guddachuuf akka dandeessisutti, ejjennoon hojjechaa jiraachuu paartichi gama miidyaa hawaasummaa isaan beeksiseera.

Itiyoophiyaan Somaalii Laandi waliin waliigalteen karraa galaanaa argachuu mallatteessite gootaa misoomaa ta’uu fi bu’aa dandeettii dippilomaasummaa paartichaa kan argisiisuu ta’uu ibseera.

Idaawwan Itiyoophiyaanotaa gara miindaatti geeddaruun seenaa haaraa hojjechuun ashaaraa dhaaloonni dhufu leellisaa jiraatu kaa’uun Badhaadhina Itiyoophiyaa ni dhugoomsina jechuun beeksiseera.

Dandeettii fi badhaadhinni biyyattii mirkanaa’uu kan danda’u ashaaraawwan barootatti ce’an kaa’uun, haalota nageenyaa waaraa fi qabeenya uumuun yoo danda’ame qofaadha jedhee, cabinsa seenaa ogummaan, hubannaa fi kutannoon suphuun badhaadhina hunda galeessaa dhugoomsuun, seenaa boonsaa haaraa hojjechuun dhalootatti dabarsuun barbaachisaa akka ta’e kaaseera.

Paartichi seenaa boonsaa Itiyoophiyaanotaa turan eeguun hanqinaalee jiran qajeelchuun Itiyoophiyaa badhaatee fi dhalootaaf mijattuu ni dhugoomsina jedheera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.