Fana: At a Speed of Life!

Idaa Itiyoophiyaa qooda Oomisha Waliigalaa Biyyatti keessatti qabu gadi hir’isuun danda’ameera-Dooktra Fitsum Asaffaa

Finfinnee, Amajjii 6, 2017 (FMC)- Waggootaa jijjiiramaa keessa tarkaanfiiwwan fudhatamaniin Idaa itiyoophiyaa qoodaa oomishaa waliigalaa biyyatti keessa qabu %13.7tti gadi hir’isuun akka danda’ame Minstirri Ministeeraa Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan ibsan.

Dooktar Fitsum Asaffaan bu’aawwan fooyya’insa dinagdee gooroo fi tarkaanfiiwwan fuuldureerratti ibsa kennaniin rakkoolee sirnaa fi caasaa jijjiirama turan furuuf mootummaan kallattii imaammata dinagdee fi hawaasummaa haaraa hordofuu kaasan.

Qonna, indaastirii oomishaa, albuuda, turizimii, fi dinagdeen dijitaalaa madda guddinaa walqixa akka ta’aniif xiyyeeffannoon kennamuu fi madaalliin qooda fudhattoota dinagdee gidduu jiru akka sirreeffamuu taasifamuu eeraniiru.

Kunis gahee mootummaan dinagdee keessatti qabaachaa ture gara damee dhuunfaatti ceesisuuf hojiileen hojjetaman agarsiistuudha jedhan.

Fooyya’insi dinagdee mandhalee marsa jalqabaatti keessatti imaammatichi dinagdee ammayyeessuun dorgommiif banaa taasisuu keessaatti fooyya’insa bal’aa fiduu eeraniiru.

Waggoota jijjiirama darban keessatti galii mootummaa guddisuu, bulchiinsa baasii sirreessuu, hojii fi raawwii pirojektootaa qorannoo irratti hundaa’e fooyyessuu fi deeggarsa taasifamu kaayyoo barbaadameef oolchuurratti bu’aan gaariin argamuu ibsaniiru.

Keessumaa galiin mootummaa kan bara jijjiiraman ture caalaa dachaan dabaluu, liqii daldalaa kamuu dhiisuun, liqaa ceesisuun, liqii biyya irra jiru baay’inaan kaffaluun, ba’aan liqaa akka hir’atu taasifamuu himaniiru.

Haaluma kanaan jijjiiramaan dura qooda liqaan Oomisha Waliigalaa (GDP) Itiyoophiyaa keessatti qabu %30 irraa % 13.7tti gadi hir’isuun akka danda’ame dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.