Fana: At a Speed of Life!

Ibsi Manni Maree Gamtaa Awurooppaa Ityoophiyaa ilaalchisee baase gaarummaan kan ilaalamuudha-MDhA

Finfinnee, Eebla 18, 2015 (FBC)- Ibsi Manni Maree Gamtaa Awurooppaa Ityoophiyaa ilaalchisee baase gaarummaan kan ilaalu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Ityoophiyaan hariiroo Gamtaa Awurooppaa waliin qabdu haaromsuuf hojjechaa akka jirtu ibseera.

Ministeerri Dhimma Alaa Manni Maree Gamtaa Awurooppaa walga’ii gaggeesseen booda waa’ee Ityoophiyaa ilaalchisee ibsa kenneera.

Ministeerichi, bu’aa hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaan argame dabalatee dhimmoota biroof beekamtii kennuu isaa ibsaniiru.

Ityoophiyaan hariiroo Gamtaa Awurooppaa waliin qabdu haaromsuuf ciminaan hojjechaa akka jirtu eeruun, ibsi mana marichaas hariiricha daran kan cimsu ta’uu ibseera.

Manni marichaa sagantaa waggaa deeggarsa dameelee hedduu qonna itti fufiinsa qabuu fi wabii nyaataa irratti kan xiyyeeffate irra deebiin eegaluuf qophaa’ummaa argisiise, biyyoonni liqii kennan hammattoo waloo hundeessaniin, adeemsa marii idaa Ityoophiyaa hatattamaan akka xumuramuuf waamicha dhiyeessee fi dhaabbileen faayinaansii idil addunyaa ajandaa tasgabbii fi fooyya’iinsa diinagdee Ityoophiyaa akka deeggaran, jajjabinni gaariin kennan gaarii ta’uu beeksiseera.

Hariiroo Ityoophiyaan Gamtaa Awurooppaa fi michoota ishee biroo waliin qabdu yeroon bu’uura cimaa irra kaa’uu amma akka ta’e ministeerichi ibsa baaseen eereera.

Michoonni Ityoophiyaa walitti dhufeenya biyyattii waliin qaban haaromsaa akka jiran eeruun, kun ta’aa kan jirus adeemsi nageenya waaraa mirkaneessuu fi cimsuu eegalame jijjiirama maalchisaa yeroo itti galmaa’an, tarkaanfiiwwan fooyya’iinsa diinagdee, hawaasa walitti bu’iinsan miidhaman deebisanii dhaabuu fi, guddina diinagdee jijjiirama qabeenya qilleensaaf hinsaaxilamne irratti wayita bu’aaleen galmaa’aa jiranitti ta’uu ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.