Fana: At a Speed of Life!

Ibsa raawwii hojii Caffee Oromiyaa

Finfinnee, Adoolessa 17, 2012 (FBC) – Af yaa’iin Caffee Oromiyaa aadde Loomii Badhoo raawwii hojii gurguddoo Caffeen hojjechaa ture ilaalchisee miidiyaaleef ibsa laatan.

Aadde Loomiin, qabsaa’aa fi falmaa mirga namoomaa, mallattoo tokkummaa Oromoo kan ta’ee fi seenaa aartii Oromoo fi biyya keenyaa keessatti adda durummaan kan waamamu artist Haacaaluu Hundeessaa wareegamuu isaatti gadda isaanitti dhaga’ame ibsuuniiru.

Caffeen Oromiyaa hojiiwwan gurguddoo Heeraan kennamaniif hojii seera tumuu, hordoffii fi to’annoo, bakka bu’ummaa ummataafi daandeettii raawwachiisummaa qaamolee isaa cimsuu irratti xiyyeeffatee hojii hojjechaa tureen bu’aawwan gurguddoon galmaa’uu isaanii ibsaniiru.

Caffeen Oromiyaa, jalqaba bara baajataa kana irratti Karooraa fi Baajata hojiiwwan mootummaa naannichaa raggaase bu’uura godhachuun hojiiwwan bara kana keessa hojjetamaa turan fayyadamummaa ummataa karaa mirkaneessuu danda’uunii fi baajannii fi qabeenyi naannichaa sirnaan hojiirra ooluu isaa hordofaafi to’achaa kan ture ta’uu aadde Loomiin himaniiru.

Caffeen, Manneen Maree Ummataa deeggaruu fi cimsuu irratti xiyyeeffachuun hojjetachaa tureera jedhan.

Hariiroo walitti dhufeenya sabootaa cimsuun walqabatees, bara kana Guyyaan Saboota Sablammootaafi ummattoota Ityoophiyaa 14ffaa qopheessummaa naannoo Oromiyaatiin handhuura Oromiyaa Finfinneetti sirna ho’aan kabajameera.

Gama biraatiin, vaayrasii koroonaa ittisuuf sochii mootummaan taasisaa jiru cinaatti Caffeen Oromiyaa miidhaa dhibeen kun geessisuun hawaasni harka qalleeyyiin akka hin miidhamneef deeggarsa meeshaalee nyaataa fi qulqullinaa adda addaa godinaalee fi magaalota adda addaatti argamuun hirphaa turuu isaa ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni muul’isa.

Oduu biroon aadde Loomanii ajandaalee gurguddoo Walga’iin idilee 12ffaa waggaa 5ffaa bara hojii Caffee 5ffaa ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Walga’ii idilee kanaan qaboon yaa’ii walga’ii idilee 11ffaa mirkaneessuu dabalatee gabaasni raawwii hojii bara 2012 fi kallattiin karoora bara 2013 qaamolee mootummaa sadanii fi mana hojii Odiitara Muummicha Oromiyaa ni dhiyaata jedhan.

walga’ichaan Wixineewwan Labsii dabalata baajataa bara 2012f baajata bara 2013,akkasumas Wixinee Labsii Tajaajila Bishaan Dhugaatiifi Dhangala’aa mootummaa naannoo Oromiyaa murteessuuf qophaa’ee fi muudama adda addaa dhiyaatu irratti bal’inaan erag mari’atame ni mirkanaa’a jedhamee eegama jedhan.

Walga’iin idilee 12ffaa waggaa 5ffaa bara hojii Caffee 5ffaa Adoolessa 18 irraa eegalee ifatti kan banamu ta’uu Afyaa’iin Caffee Oromiyaa aadde Loomii Badhoo ibsaniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.