Fana: At a Speed of Life!

Ibsa koree hoji raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa

Finfinnee, Eebila 2, 2012 (FBC) – Koreen hoji raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa Bitooteessa 30 hanga Ebla 2, 2012tti waltajjii ariifachiisaa taa’een weerarri vaayirasii koroonaa idil addunyaa, ummata biyya keenyaa irratti dhiibbaa diinagdee fi nageenya hawaasummaa irratti geesisuu danda’u qolachuuf irratti mari’achuun murteewwan garaa garaa dabarseera.

Kabajamtoota lammilee Itiyoophiyaa
Jaalatamtoota ummattoota biyya keenyaa
Paartiin keenya imala jijjiirama biyyaa hogganuu keessatti rakkoolee diinagdee, siyaasaa fi nageenyaa muudatan furuuf sochii qindaa’aa taasisuun bu’aa qabatamaa fideera.
Jijjiiramchaan Itiyoophiyaan biyya haqni itti mirkanaa’e, dimokiraasin itti dagaage, qabiinsa mirga namaan kan galateeffamtu, diinagdeen kan badhaate, gama nageenyaan kan tasgabboofte taasisuuf itti amanamee riifoormii dimookiraasii cinaatti olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojiin seera kabachiisuu bu’a qabeessa ta’uun hamma tokko gara nageenyatti deebi’uun danda’ameera.

Lammiileen naannoo garaa garaattii qe’ee isaanirraa buqqa’an miiliyoonatti lakka’aman gara qe’ee isaanitti deebi’uun jireenya idilee eegalaniiru.
Iddoolee garaa garaatti hidhattootni ummata hiriirsaa turan tarkaanfii fudhatameen seermaleessummaan karaa hiikoo qabuun hir’ateera.

Diingadeen keenya mataa ol qabachuu eegaleera. Biyyi keenya yeroo garaa garaatti hariiroo diippilomaasii horatteen biyyoota olla fi biyyoota addunyaa biroo waliin hariiroo diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa cimeera.

Wal dhabdee Suudaan Kibbaa, imala cee’umsa Suudaan fi waldhabdee Keeniyaa fi Somaaliyaa gidduu jiru furuun dhageettii dippilomaasii keenya guddiseera.

Deemsa of eeggannoo qabu hordofuun Hidha Haaromsaarratti fayyadamummaa biyyaalessaa keenya dhiibuuf tattaffii taasifamaa ture irratti qabsoofnee jirra. Lammiilee keenya ala jiraatan mirgi fi fayyadamummaa mirkaneessuun danda’ameera.

Walumaa gala haala biyyi keenya gara hin taanetti imalaa turte sirreessinee ,waa’ee filannoo ,badhaadhinaa fi waa’ee egeree Itiyoophiyaa cimtuu ijaaruu wayita yaaduu fi hojjechuu jalqabnetti dhibeen vaayiresii koroonaa biyya keenyatti mul’atee jira.

Dhibeen kun biyyoota addunyaa 200 ol taa’an keessatti rakkoo cimaa geessisaa jira.Namoonni miiliyoona tokko dhibee Kanaan qabamanii kumni 100 ammoo ajjeeseera.
Biyya keenya keessas seenuun namoonni 65 dhibee Kanaan kan qabaman yoo ta’u sadi du’aniiru. Miidhaa dhibeen kun bor geessisu beekuu dhabaannus miidhaa cimaa akka nurraan hin geenye qindoominaan itti qophoofnee rakkinicha maqsuun abdii keenya itti fufsiisuu qabna.

Qormaata fuuldura keenya jiru darbuuf akka paartiittis ta’e mootummaatti xiyyeeffannoon hojjechuu qabna.
Dhibee balaafamaa kanarraa uummata keenya baraaruu caalaa Paartii badhaadhinaatiif ergamni hin jiru.

Paartiin keenya birrii miiliyoona 100 dursee dhimmi kanaaf gumaachee jira. Korees sadarkaan hundeessuun hojjechaa jira.

Hoggantoota Federaalaa hanga gandaa jiran kuma 300 ol taa’an ergamni dursaa dhibee kana to’achuu akka ta’e bobbaaseera.

Erga dhibeen kun mul’atee kaasees hojiin hojjetame jajjabeessa ture.

Ammas hojiin ijoon dhimma kana akka ta’e paartiin badhaadhinaa sadarkaa koree hojii raawwachiiftuu isaatti irratti mari’achuun murtee dabarsee jira.

1ffaa Qormaata nu dura jiru injifannoon keessa bahuu fi dhibee kana ummata keenyarraa ittisuuf yaaluu fi balaa hammaataa osoo hin fidin to’achuuf kana faana rakkoo dhufanis hir’isuuf akka Paartiittis ta’e mootummaatti xiyyeeffannoo cimaa itti kennuun hojjechuu akka qabnu waliigalteerra geenyerra.

2fffaa Adeemsa ijaarsa sirna dimookiraasii haala mijataa fi bilisa ta’e barbaada, waan ta’eefis vaayiresii kana to’achuuf hojiin hojjennu galma gahiinsa adeemsa sirna dimookiraasii keenya karaa hin faallessineen of eeggannoo gochuutu barbaachisa.

Vaayiresii kana ittisuuf tarkaanfiiwwan sadarkaan fudhataman heeraa fi seera kan hordofan, adeemsa ijaarsa sirna dimookiraasii kan hin guafachiifne, garuu akkaataa vaayiresichaa hubachuun weerarasaan salphisuun danda’amuun hojjetamuu qabaarratti walii galameera.

3ffaa Weerarri vaayiresii kana akka waraana tasaa nutti baname waan ta’eef, saffisaan miidhaa geessisaa kan jiruu fi diinagdee keenyarrattis miidhaa hamaa geessisuu danda’a.
Weerara kana to’achuufis humna namaas ta’e qabeenya keenya waan hiratuuf, diinagdee keenyarra dhiibbaa cimaan akka gahu ni hubanna.

Waan ta’eefis akkaataa diinagdeen keenya hin laafneen irratti hojjechaa deemuun akka barbaachisu irratti walii galameera.
4ffaa Weerara vaayiresii kanaa to’achuuf tumsa godhamu keessaatti sochiin guyyaa guyyaa uummataa akka hin gufanneef, jireenyi hawaasatti akka hin qqalofneef qophaa’ummaa olaanaa barbaada.

Miidhaa vaayiresiin kun lammileerraan gahu qolachuuf hojii mootummaan hojjetu qofaan hiikuun hin danda’amu.
Kanaaf aadaa inni waa of harkaa qabu kan hin qabne deeggaruu cimsuun barbaachisaa akkuma ta’e kanneen yeroo rakkoo kanatti karaa qaxxaamuraan jireenya qaalessuun ofittoo ta’an irratti tarkaanfiin akka fudhatamu irratti walii galameera.

5ffaa Yeroo rakkoo kanatti birmadummaa fi nageenyi biyya keenyaa balaa irra akka hin buuneef qophii barbaachisu hunda gochuun, faayidaa biyyalessummaa keenyatti gama kamiinuu dhiibuuf kan dhufu Toofta ittisas barbaachisaan hundumaa hojiirra oolchuuf qophii xumuramee hundaarratti waliigalameera.

Kabajamtoota hoggantoota, Miseensoota fi deeggartoota Paartii keenyaaf;

Paartiin keenya qormataa kamifiyyuu kan hin jilbifannee, haala rakkisaa kami keessattu kutannoon hojjete ce’uu akka danda’uu isin raga guddaadha. Har’as ummattoota biyya keenyatti qormaata guddaa kan ta’e weerara vaayiresii koroonaa, ummata keenya qindeessuun hojjennee injifachuuf shakkii hin qabnu. Kana waan ta’eef haala rakkisaa amma keessa jiru kana dina keenya kan ta’e vaayiresii koroonaa irratti tumsan arsaa barbaachisuu kamiyyuu kaffaluun, dina keenya kan ta’e ummata biyya keenya baraaruuf qindoomne akka hojjennuuf waamichaa dhiyeessina.

Kabajamtoota Ogeeyyii Fayyaa;

Ogummaa isin irratti bobbatan yeroo hunda fayyummaa ummata keessaniif wanta ta’eef kabajaa fi galata qabdu. Dadhabne, nuffinee osoo hin jedhiin fayyummaa ummata biyya keessaniif deeggarsa gochaa jirtaniif Paartiin keenya galata guddaa siniif qaba. Weerara vaayiresii koroonaarratti duulli gonuu hundaa ol tumsa keessaa adda durummaan kan barbaadudha. Akkuma kanaan dura haala rakkisaa kami keessattuu fayyummaa hawaasa keessaniif wardiyaa ta’un hojjetaa turtan, ammas kan yeroo kamiyyuu caalaa kutannoon akka hojjetan amantaa guutuu kan qabnu wanta ta’eef, tumsan akka irratti duultan waamicha dhiyeessuun Paartiin keenya deeggarsa kamiyyuu kan isiniif taasisuu ta’u mirkaneessuu barbaadna.

Kabajamtoota humnoota nageenya eegsisaniif;

Barootaf barmaaddummaa biyya eeguuf arsaa kaffalaa akka turtan seenaan ni yaadata. Weerarri yeroo amma kunis kutannoo fi gootummaa keessan gaafata. Kanaafu kutaannoon ummata keessan weerara haala yeroo kanarraa akka eegdaan Paartiin keenya waamichaa isiniif dhiyeessa.

Kabajamtoota Paartilee Morkattootaa;

Biyyi keenya kan yoomiyyuu caalaa tumsa qinda`aa hunda keenyaa barbaaddi. Kanaafuu garagarummaan siyaasa keenyaa akkuma eeggameetti ta`ee weerara kana ittisuuf waliin taanee akka tumsinu Paartiin keenya waamicha dhiyyeessa.

Kabajamtoota ogeessoota Miidiyaa fi Aartii;

Weerara kana ittisuuf adda durummaan hirmaatanii ogummaa keessaniin hawaasa barsiisuu, beeksisuu fi qindeessuuf hojiilee hojjataa jiratan Paartiin keenya dinqisifannaa qabu ni ibsa.

Gara fuula durattiis ogummaa keessan murteessaa ta`e kanaan amantummaa fi madda oddeeffannoo amanamoo ta`uun ummata keenya hubbannoo cimsuu, barsiiisuu fi waltajjii wal deeggarsaa ta`uun akka tajaajiltaan waamicha dhiyeessina.

Kabajamtoota ummata biyya keenyaa;

Vaayiresiin koroonaa guddina galma akka biyyaatti qabannee nu jalaa baasuuf dhufe. Lolli cimaan vaayiresii kana irraatti geggeesiinu biyyaa sabdanessuumman ishee cime, badhadhina gama hundaa itti mirkanna`e , lammilee isheef mijooftuu taate,Investimeentiif filatamituu taate, giddu gala diinagdee fi bizinasii ganfaa Afrikaa taate ijaaruuf goonnu dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti.

Qabsoo kana moo`annee badhadhina Itiyoophiyaa mirkanneessuun itti gafatamummaa seenaa dhaloota ammatti. Nuti Itiyoophiyanoon Weeraras ta`es kolonefattoonni , nuun lola malee nu `moo`ate hin beeku waan ta`eef har`a qormaata kana darbuun imala badhadhiina hunda galeessa biyya keenyaa akka itti fufnu paartiin keenya amantaa olaanaa qaba. Tokko taanee walgargareefi tumsinee imala rakkisaa ni dabarraa, gara badhadhinaatti ni ceena. Kanaafuu ummanni biyya keenyaa hundi humna keenya qindeesinee,weerara kana tokkummaan akka ittifnu paartiin keenya waamicha kabajaa isniif dabarsa.

Hundi keenyaa miseensa Raayyaa Vaayiresii Koroonaa ittisuudha.

Koree Hojii raawwachiiftuu Paartii Badhadhiinaa Ebla 2 bara 2012 Finfinnee

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.