Fana: At a Speed of Life!

Ibsa haala yeroorratti preezdaant Shimallis Abdiisaa laataan

Gareen Juntaa TPLF saboota, sab-lammootaafi ummattoota biyya Itoophiyaarratti miidhaa hamaa geessisaa kan ture ta’uun ni beekama. Humni nama nyaataafi qaanii hin beekne kun gochoota dhiibbaa mirga namoomaa dhaga’uuf hin tolle, saamicha qabeenya biyyaa karaa ijaaramaeen raawwachuurraa hanga lammiilee buqqisuu, qaamaafi miira hir’isuu, ajjeechaa suukanneessaa raawwachuufi waliigala gochoota gara jabinaa faallaa mirga namoomaa ta’an hedduu raawwachaa kan ture ta’uun dhugaa ummanni keenya beekuu dha.
Xoofoon miidhaa humna juntaafi nama nyaataa kanaa guutee wayita dhangala’u qabsoof kan honnate, daangaa hanga daangaatti kan socho’eefi xiiqiidhaan kan qabsaa’e ummanni biyya keenyaa, Waayaanee ofirraa fonqolchuuf yeroo itti hin fudhanne. Sosochiin jijjiiramaa dhiibbaa ummataafi hoggansa humna jijjiiramaatiin biyya keenya keessatti finiine, saaphanafi hariiroo humna juntaa biinxa’uudhaan akka bittinnaa’uufi dhidhimu taasiseera. Humna juntaa ajjeechaa, saamichaafi gantummaan beekamu isa dhumaatiif ofirraa baasee moggaatti darbateera.
Haa ta’u malee, badiiwwan jajjaboo darban hunda gara-bal’inaafi obsaan bira darbuudhaan ilaalaalama Idaa’amuutiin Itoophiyaa hundaaf taatu ijaaruudhaaf kutannoo mootummaan agarsiise akka sodaatti kan ilaale murni juntaa kun, humna mallattoofi gaachana tokkummaa sabootaa, sab-lammootaafi ummattoota Itoophiyaa kan ta’e raayyaa ittisa biyyaarratti Iizii Kaabaarratti haleellaa raawwachuudhaan Itoophiyaa ganeera. Kun seenaa Itoophiyaa keessatti galmee dukkanaafi toora gantummaa hin dagatamnerratti galmaa’eera.
Humni gantuufi saamichaan beekamu kun gantoota jaleefi ergamtoota biroo kan akka ABO Shanee fo’atee hiriirsuudhaan deeggarsa faayinaansiifi leecalloo kenneefii bobbaasuudhaan Itoophiyaanota waraansisaa tureera. Gareen ABO Shanee kun gochoota ajjeechaafi saamichaa raawwachuudhaan abbaa shira diigumsaafi wal fixiinsaa ta’ee humna Juntaa Maqalee mandheeffate tajaajilaa tureera.
Yakka gantummaa haleellaa humna juntaa Maqalee mandheeffatee hordofee tarkaanfii birmadummaa biyyaafi ol’aantummaa seeraa kabachiisuuf fudhatamaa jiru keessatti humna raayyaa ittisa biyyaa wareegama qaalii kaffaalaa tureefi ammas kaffalaa jiruuf mootummaan naannoo Oromiyaafi ummanni naannichaa galataafi kabaja ol’aanaa qabaachuusaa ibsuun fedha.
Gochi hammeenyaafi gara-jabinaa raayyaa ittisa biyyaa keenyarratti raawwatame hedduu kan isa aarseefi gaabbisiise ummanni naannichaa fedhiifi kakahumsa dhuunfaa isaatiin gamtaa’ee hiriira balaaleffannaa humna juntaafi deeggarsa raayyaa ittisa biyyaa gurguddaa baheera; Dhiiga arjoomeera; Sangoota, Hoolotaafi Re’oota qalmaa kumaatama hedduun lakkaa’aman kenneera; Kanarras darbee hanga wareegama lubbuutti raayyaa ittisa biyyaa bira dhaabbachuuf waadaa galeera.
Yeroo amma gootni raayyaa ittisa biyyaa keenya humna juntaarratti tarkaanfii ol’aantummaa seeraa kabachiisuu fudhataa jiru kanatti, humni addaa poolisii naannoo Oromiyaa garee ergamtuufi qacaramtuu Juntaa ABO Shaneerratti tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhachuudhaan injifannoowwan gurguddoo galmeessaa jira.
Kanaafuu, raayyaan ittisa biyyaa keenya duula ol’aantummaa seeraafi birmadummaa biyyaa kabachiisuuf eegale injifannoon xumuree gara hojii idilee isaatti hanga deebi’utti deeggarsi ummataafi mootummaa naannoo keenyaa ccimee kan itti fufu ta’uu ibdsaa, abjuu maseenaan humna Juntaafi ergamtoota isaa ABO Shaneefi waayiloota isaanii dhiyoofi fagoo shakkii tokko malee isa dhumaatiif kan dhabamsiifamu ta’uun ibsa.
Wal-qixxummaafi obbolummaan ummattootaa lalisee, Itoophiyaafi Oromiyaan nagayaafi jaalalaan keessa jiraatan akka ijaaramtuufi duulli ol’aantummaa seeraa kabachiisuuf eegalle injifannoo boonsaafi firii miidhagaan kan xumuramu ta’uun isiniif mirkaneessa.
Injifannoon raayyaa ittisa biyyaa keenyaaf!
Injifannoon Itoophiyaanotaaf!
Shimallis Abdiisaa
Pir. BMN Oromiyaa
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.