Ibsa haala yeroo fi waamicha biyyooleessaa
Finfinnee, Hagayya 4, 2013 (FBC)- Waajjirri Muummee Ministiraa ibsa laateen Ityoophiyaan qormaata barootaaf ishee qunnamaa turee fi humnoota badii ishee muudatan hunda injifachuun kabajamtee walabummaa ishee eegsistee ni jiraatti.
Gootonni abbootii fi haadhooliin keenya weerara alaa qofaa osoo hin taanee baandoota keessaa jilbeeffachiisuun Ityoophiyaa har’a jiraachisaniiru.
Carraa seenatiin har’as Ityoophiyaan harka isheen afaan keessee nyaachiste kan ciniinaan gantoonni biyyatti dhadhabsiisuu fi humnoonnii dhiyoo fi fagoorraa waloon ka’aaniiru jedha ibsichi.
Ityoophiyaan yeroo murtaa’aa hiyyummaa seenaa taasisuuf gara imalaa badhaadhinatti ce’aa jirtu kanaatti, lammaffaa dhalachuun biyyatti kan isaan hin gammachiifnee imalashee dhaabuuf hirmaannaa taasisaa jiru.
”Biyyii an hin bulchinee haa barbadooftuu” jechuun sagalee gantummaa dhageessisaa kan turee ABUT, gulufsiisa fardaa humnoota badii ta’uun nageenyaa biyyatti booreessuufi diiguuf hojii badii raawwatuu itti fufee jira.
Akkuma beekkamu Uumanni Ityoophiyaa rakkoo gareen shororkeessaa ABUT qaqqabsiisaa ture osoo beekuu waggoota 27 darbaniif akka of sirreessuu carraa hedduu laateera.
Gareen shororkeessaa kun garuu shiraan kan guttame ta’uu isaan of sirreessuu hin dandeenye.
Mormii ummataan erga aangorraa bu’eehis carraan hedduun laatamuufis of sirreessuu hin dandeenye jedha ibsi Waajjirri Muummee Ministiraa haala yeroorratti laate.
Maqalee mandheeffachuun Ityoophiyaa diiguuf diinoota alaa fi keessaa waliin maallaqa biyyaa saamaa ture facaasaa tureera jedha ibsichi.
Walitti bu’iinsa uumuu, buqqaatii fi ajjeechaa sukkaneessaa guutuu biyyatti keessatti raawwachuu hojii guyyaa taasiisuun hojjechaa tureera.
Mootummaan ummanni Tigraay shira gareen kun xaxaa jiruun akka hin miidhamne garaagartee jiru karaa nagaan furuuf daandiin hin imalle hin jiru.
Doorsiisaa fi arrabsoo garichaa osoo hin nuffin mootummaan rakkoo jiru karaa nagaan furuuf hojjechaa tureera jedha ibsi kun.
Garichi kana hunda cinaatti dhiisuun Onkololeessaa 24, 2013 Raayyaa Ittisaa Ajeja Kaabaarratti haleellaa raawwachuu badii isaa caalmaatti babal’isuun to’annoo ala taasiiseera.
Gootichi Raayyaa Ittisa Biyyaa milishaa naannoo Amaaraa fi Afaar waliin ta’uun garee badii kanarratti tarkaanfii cimaa fudhateera.
Hoggantoonni garichaa hedduun barbadaa’aniiru, gariin booji’amaniiru, hidhattoonni hafan ammoo holqaa fi ummata nagaa keessa dhokataniiru.
Seera kabachisu madditti motummaan, Naannoo Tigraay garee badii kana irraa bilisa taasisuuf, bu’uuraalee misoomaa ijaaruuf, ummanni ofiin akka of bulchu, gargaarsa namoomaa ummata biraan gahuuf, adeemsicha keessatti dogongoorota ummaman sirreessufi tajaajila fayyaa fi barnootaa jalqabsiisuuf ji’ootan 8’n darban keessatti, humna isaa guutuun carraaqeera.
Adeemsa kana keessatti harcaatoonni Juuntaa, ummata keessatti da’achuun ummata badiif kakaasaa, rakkoolee ummamaniin, ummanni Tigraay jireenya tasgabbi jiraachu hin dandeenye.
Raabsa deeggarsa namoomaa danquun, bu’uuraaleen misoomaa akka tajaajila hin jalqabne guufachisu ibsichi erreeraa.
Akkuma beekamuu yeroo nageenyi tureellee naannoo Tigraayitti uummattoonni harka sadii ta’aan deeggarsa seeftineetiin kan jirataanidha.
Waggaa darbee waqti qonnaa hoomaa hawwaannisaa fi sababa vaayrasii koroonaatin miidhaan diinagdee guddaan qaqqabuun isaa ni yaadatamaa jedha ibsi waajjirichaa.
Kana gidduttis duulli olaantuummaa seeraa erga eegalamee booda waqtii ganna dhufee.duulichii yoo itti fufee fi gannoonnii osoo tasgabbiin hin umaammiin yoo darban uummataarra rakkoo hamaan ni ga’aan. mootummaan dhukaasaa dhaabuun raayyaan ittisa biyyaa naannichaa akka bahuuf murtee dabarsuun isaa ni yaadatama.mootummaan kan inni dhuukasaa dhaabeefis inni jalqabaa hawaasaa fi qonnaan bulaaf ture.
Garichi, bara aangoo isaa dheeraatti goochaa suukkaneessaa sarbaa miirgaa namoomaa, fi hojii enyuumma balleessuu fi calliissun ilaalaa kan turan hawaasni idil adduunyaa har’a, humna badii kana raawwachisaa ajaandaa isaaniif waan barbaadaniif, isa kana baraaruuf carraaqqi gaarii mootuumaan taasiise akka hin ilaalletti irra darban.
Akkasiis ta’e, ummanni shoroorkeessaa Juuntaa irraa hanga dhummaati gargara hin baaneetti, qonnaan buulaan tasgabaa’e qootachu akka hin dandeenye ifa ta’eera.
Qonnaan buulaan, Tigraay gara qonnaatti kan deebi’uu miti, qonnaan bultoota naannoo ollaa jira akka hi qotanne, erga jeequu eegale bubbuleera.
Hawaasni idila addunyaa, deeggarsa namooma akka hin geenyee fi mirgoonni namoomaa akka hin kabajamne raayyaan ittis biyyaa guufu nutti ta’e jechaa himannaadhan guura nu duuchaa turun isaani ni yaadatam.
Yeroo raayyaan ittisa biyyaa dhukaasa dhabuun erga bahee booda garuu, daa’immaan waraanaaf hiriiran, gargaarsii meeshaa waraanaa yeroo ta’u, hawwanii fi qarreen yeroo gudeedaman, dhaabbileen amantaa iddoo shaakala waraanaa taa’an fi man-kuusaa meeshaa waraanaa taasiifaman, konkollaattoonni midhaan gargaarsaa fee’an gara naannoo Tigraay akka hin seenneef gochaa badii Juuntaan danqaman, naannoo Affaaritti dhaabbata fayyaa tokko keessaatti namoota daa’ata 200 ol yeroo qaluu, lammiilee kuma 300 ol yeroo buqqisuu, hawaasni idila addunyaa dabalate dhugaan isaa maal akka ta’e hubachuuf taajjabu danda’eera.
Dhugaa caalaa soba leellisaa hojii isaanii itti fufaniiru.
Sababa deeggarsa namoomaan qaamoleen garichaaf deeggarsa taasiisan harkaa fi harkatti qabaman jiraachuu ibsichi eereera.
Mootummaan tarkaanfii waliigaltee dhukaasaa dhaabuu gamtokkee osoo hin fudhatin dura midhaan deeggarsaa kuntaalli kumni dhibbi 4, Zayitiin liitirri nyaataa miiliyoonni 2.5, boba’aan liitirri miiliyoonni 14, Xaa’oon kuntaalli kumni dhibbi 5 fi kumni 36 fi 979, sanyii filatamaan kuntaalli kumni 37 fi 599 maallaqa mootummaan bitamee kuusaa magaalaa Maqalee keessaa turuu ibsameera.
Lafti qotamuu danda’u % 70 akka qotamu taasiifameera.
Dabalataan midhaan nyaataa Meetirik tooniin kumni 1 fi 79, meeshaaleen nyaataan alaa tooniin 664, fi Boba’aan liitirri kumi 47 fi 740 dhaabbilee deeggartootaan gara magaalaa Maqalee galaniiru.
Kana boodas haala mijeessuun deeggarsi namoomaa osoo adda hin citin akka dhiyaatu hojjetamaa tureera.
Balalliin xiyaaraa deeggarsa namoomaa eeyyamameera.
Dhamaatiin kun hundi Ummanni naannoo Tigraay sababa garee Shororkeessan akka hin miidhamne yaaduun ta’uu ibseera.
Gareen shororkeessaa ABUT dhaabbileen manneen amantaa osoo hin hafin sameera.
Konkolaattoonni deeggarsa namoomaa fe’an gara naannoo Tigraay akka hin galle dhorkeera.
Deeggarsa namoomaa mootummaan magaalaa Maqaleetti kuuse lammiilee isa hin deeggarree akka hin qoodamne dhorkeera.
Kaayyoon garee juuntaa Ityoophiyaa diiguu akka ta’e hoggantoonni garichaa ifatti dubbataniiru.
Kaayyoo isaa milkeessuuf humnoota alaan deeggaramuun badii caalu raawwachuu filateera.
Dargaggootaa ololaan dogongorsiisuu fi daa’imman baala sammuu namaa adoochuu itti laachuun waraana keessatti akka hirmaatan hojjechaa jira.
Yeroo darban keessa ummanni Ityoophiyaa kallattii hundaan garee kana barbadeessuuf ejjennoo qabu muul’iseera.
Raayyaan Ittisa biyyaas humnoota addaa fi milishoota naannoolee waliin ta’uun diina Ityoophiyaa diiguuf dhama’aa jiru kana barbadeessuuf akka hojjetu kallattiin kaa’amuu Waajjirichi ibsa isaan eereera.
Lammiileen Ityoophiyaan umrii fi humni isiniif eeyyame Raayyaa Ittisaa, humnoota addaa fi milishaatti makamuun yeroon biyya baraartan amma ta’uu ibseera.
Qaamoleen nageenyaa fi hojjettoonni mootummaa hundi waan qabaniin deeggarsa akka taasiisan waamicha dhiyeera.
Lammiin hundi, dammaqee naannoo isaa yaa eegu. Ergamnoonni Juuntaa kaayyo badii isaan akka hin raawwanne, ummanni keenya, qaama qalbiin hordoofu qaba. Kan maleesa galaa raayyaa ittisa biyyaaf ta’u qopheessuu fi haamilee laachuun gaachan yaa ta’u.
Miidiyaaleen, ogeessonni artii fi roogeessonni ummanni biyyaa isaaf akkaa dhaabbatu gahee keessaanii akka bahaatan eggama.
Juuntaan, namoota nagaa fakkeessun naannoolee addaa addaa keessatti,baasaastoota fi ergamtoota boobbaase hordoofu fi Saaxiiluu akka danda’uuf, tokkon tokko lammiin Ityoophiyaa ijaafi gurra biyya isaa ta’un, qaamoolee nageenyaa waliin dhiyeenyaan hojjeechu qaba.
Abbootiin amantaa, kadhannadhan, jaarsooliin biyyaa gorsaan, lammiin hundi dandeetti isaatiin Itoophiyaaf yaa dhabbatu.
Abbootiin keenyaa yeroo rakkoon akkanaa, isaan qunnamu, galaa isaani harreedhan, amala isaani boobaa jalatti qabatani duulu.
Dubartonni fi dhironni,darggeessi fi ga’eessi akka hoomaa tokkotti qajeelaniru. Wareegama kaffalani biyya isaani baraaraniru.
Irree tokkoon yoo kaane humni nu fuundra dhaabbatu
akka hin jiraanne seenaan ragaadha.
Lolli gaggeeffamu garee shororkeessaa ummata Tigraay mandheeffate waliin malee Ummata Tigraay waliini miti.
Ummata Tigraayis ta’ee ummata Ityoophiyaa mara garee shororkeessaa kanarraa bilisoomsuun olaantummaa seeraa mirkaneessuuf jedhame.
Lolli keenya diinoota alaa Juuntaa daheeffachuun Ityoophiyaa diiguu fi birmadummaa miidhuuf socha’u waliin ta’uu hubatamuu qaba.
Lammiileen Ityoophiyaa hundi birmadummaa biyyaa kabachiisuuf onnee guutuun hiriiruun akkuma galeessaa har’as kabaja biyyaa eegsiisuuf murannoon ka’uu akka qabu gaafateera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.