Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannoo Oromiyaa badhaadhina sadarkaa maatiitti mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan gosa hedduu fudhachaa jira – Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Muddee 15, 2013 (FBC) – Mootummaan naannoo Oromiyaa badhaadhina sadarkaa maatiitti mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan gosa hedduu fudhachaa jiraachuu Preezdaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.
Obbo Shimallis qoree imala keenyaa buqqisuun badhaadhina maatii mirkaneessuuf Hojjenna jedhan.
Obbo Shimallis Abdiisaan haala waqtaawaa yeroo naannoo Oromiyaa ilaalchisee ibsa laataniiru.
Guutuun ibsichaa haala armaan gadiin dhiyaatera.
Teessuma lafaa, qabeenya uumamaa, haala qilleensaafi humna namaa naannoofi biyyi keenya qabdu waliin baadiyyaafi qonnaan/horsiisee bulaa dagachuun galmi misoomaa milkeessinu hin jiru.
Riifoormii damee dinagdee boqonnaa jijjiiramaa kana keessatti hojjetameen hanga dhiyeenya kanaatti qonnaafi baadiyyaa maqaan faarsuu bira darbee hojii qabatamaan deeggaruurratti kan hin hojjetamne ta’uun hubatameera.
Haala qabatamaa naannoo Oromiyaatiin lakkoofsi ol’aanaa humna namaa baadiyyaa jiraatuufi guutummaan jiruufi jireenyasaa qonnarratti hirkatu dinagdeen akka bayyaannatuuf hojjechuun dhimma filannoo osoo hin taane dirqamadha.
Mootummaan naannoo Oromiyaa badhaadhina sadarkaa maatiitti mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan gosa hedduu fudhachaa jira.
Jiruufi jireenya qonnaan/horsiisaan bulaa fooy’essuudhaaf aadaa hojii cimaa uumuu, teeknoloojiifi deeggarsa muuxannootiin tumsuurraa hanga faayinaansii baadiyyaa dhiyeessuutti hojjetamuu eegaleera.
Haaluma kanaan, tibbana guutuu Oromiyaatti leenjiin abbootiifi haadholii warraa miliyoona 3.5 hirmaachisu kennamaa jira.
Leenjiin kun kaayyoofi galmoota karoora badhaadhina maatiirratti hubannoofi iftoomina ga’aa uumuudhaan hirmaannaa hojii abbootiifi haadholii warraa kanneenii dabaluurratti kan fuulleffatee dha.
Carraa kanaan, hirmaattonni leenjichaa tarsiimoofi kallattii haaraa mootummaan misooma baadiyyaarratti hordofuufi faayidaa isaaniif gumaachu adda ni baafatu. Hirmaannaa hubannaafi beekumsarratti hundaa’e gochuudhaan jiruufi jireenya isaanii fooy’effachuuf hamilee ga’a akka horatanis ni abdatama.
Leenjiin qonnaan/horsiisaan bultootaa gandoota baadiyyaafi giddu-galeessota adda addaatti kennamu kun karooraafi kallattii hojii dhiyaatuun cinaatti, hojii qabatamaan lafarratti mul’atu ilaaluunis akka gabbatu ni taasifama.
Kun ammoo, raawwii gaariin bakkeewwaniifi namoota muraasa biratti mul’atu caalmaatti akka babal’atuuf ni gargaara.
Kana malees, itti fayyadama teeknoloojiifi beekumsa hammayyaa hojiiwwan misooma baadiyyaarratti odeeffannoo argachuufi qophaa’ummaa itti fayyadamaa horachuuf akka gargaaru shakkii hin qabu.
Kanaafuu, mootummaan naannoo Oromiyaa abbootiifi haadholiin warraa leenjii tibbanaa kana keessatti hirmaachuuf carraa argattan baga gammaddan jechaa, beekumsaafi qabeenya qabdan hundatti fayyadamuun jiruufi jireenya keessan fooy’effachuuf tarkaanfii fudhachaa jirtan dinqifannaa addaatiin kan ilaalu ta’uu isaa ibsa.
Kanuma faana, qophaa’ummaa bara kana qonna kilaasteraa keessatti agarsiiftan caalmaatti bal’istanii, dandeettii, gahumsaafi humna qabdan hunda cimmisuudhaan akka itti fayyadamtan dhaamna.
Dabalataanis, aadaa qusannaa akka ummataatti qabnu caalmaatti guddisuudhaan qabeenya horachuuf tattaaffiin eegaltan caalmaatti akka milkaa’uuf, xumura leenjichaarratti dabtara qusannaa banachuudhaan qophaa’ummaa maallaqa kuufachuuf qabdan akka agarsiiftan yaadachiifna.
Bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa
Muddee 2013
Finfinnee
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.