Fana: At a Speed of Life!

Ibsa ejjennoo Paartiilee Siyyaasaa naannoo Oromiyaa

Finfinnee, Eebila 30, 2012 (FBC) – Paartiileen Siyyaasaa naannoo Oromiyaa keessa socho’an haala yeroo fi biyyaarratti mari’achuun ibsa ejjennoo baasan.
 
Haalumaa kanaan Paartiin Adda Demookraatawaa Oromoo, Paartiin Tokkummaa Oromoo, Paartiin Gamtaa Bilisummaa Oromoo fi Paartiin Bilisummaa Oromoo guyyaa har’aa haala yeroorratti mar’ataniiru.
 
Marii isaaniis dhimmoota gurguddoo afurirratti mari’achuu isaanii eeraniiru.
 
Fedhii paartii yookaa garee keessa ba’uun rakkoo akka biyyaatti qunname furuu fi jijjiirrama biyyaa itti fufsiisuuf waliin hojjechuun murteessaa ta’uu himaniiru.
 
Mootummaanis hojiilee waloo qindeessuu fi hogganuu akka qabuu fi itti gaafatamuu seeraan ba’uu akka qabu eeraniiru.
 
Marii guyyaa har’aan ibsa ejjennoo abbaa qabxii 3 baafachuu isaanii beeksisaniiru.
 
1. Jireenyi ummataa fi nageenyi biyyaa ajandaa siyyaasaa kamiiyyuu oli.yeroo rakkoo kanatti wal cinaa dhaabbachuun murteessadha.
2. Addunyaa kamittuu rakkoon filannoon hin uummamu, rakkoo nurra ga’aa jiruuf furmaata filachuu qabna.
 
3. Rakkoo yeroo ammaa biyyattiirra ga’aa jiru qolachuuf mootummaa cimaa dhaabbachuun ni barbaachisa.
maqaa mootummaa ce’umsaan paartiileen yaadaan gargar ta’an ulaagaa kamiiniyyuu mootummaa cimaa ta’uu hin danda’an.
Yeroo kanatti filannoo gaggeessuu dhiisitii yaaduun of jaalattummaadha.
 
Nuti paartiileen naannoo Oromiyaa maqaa mootummaa ce’umsaa fi filannoon qaama mootummaa fi uummata tasgabbii dhorku kamiiyyuu ni balaalleeffanna jedha ibsichi.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.