Ibsa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa kenname
Finfinnee, Bitootessa 3, 2015 (FBC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa qaamoleen lammiilee godinaa booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa waliitti qabanii fi walitti qabaa jiran sanadaa barabaachisaa qabachuun akka galmaa’aan waamichaa dhiyeesse.
Guutuun ibsa mootummaa naannichaarraa kenname akka itti aanutti dhiyaateera.
Naannoo keenya Godinaalee tokko tokko keessatti sababa hanqina roobaan hongee uumameen lammiilee rakkoof saaxilaman gargaaruuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa waamicha deeggarsaa taasise hordofee dhuunfaadhaan, dhaabbileen daldalaa, dhaabbileen mootummaa, mit-mootummaa fi hawaasni bal’aan haala gaariin deebii hatattamaa kennanii jiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas kanuma bu’uura godhachuun marsaa 1ffaan beekkamtii kennuun isaa ni yaadatama.
Ammas, namoonni dhuunfaadhaan, dhaabbileen daldalaa, dhaabbileen mootummaa, waldaaleefi kan kana fakkaatan uummata sababa hongeen rakkoof saaxilameef maallaqa walitti qabdanii fi walitti qabaa jirtan lakkoofsa baankiiwwan Buusaa Gonofaa Oromiyaatiin banamanitti galii taasisuudhaan nagahee /bank slip/ akkasumas qaamonni gargaarsa akaakuu taasiftan ammoo sanada ittiin gargaarsicha galii gootan qabattanii, Bitootessa 4 hanga 5 bara 2015tti, Waajjira Muummee Buusaa Gonofaa Oromiyaa Magaalaa Finfinnee Naannoo Saaris Waarshaa Addis Gommaa fuulduratti argamutti akka galmooftan isin beeksifna.
Haaluma kanaan, sirni beekkamtii, walharkaa fuudhinsa uummataaf ifoomsuu marsaa 2ffaa Roobii Bitootessa 6 bara 2015 waaree dura sa’aa 4:00 irraa eegalee Waajjira Pirezidaantiitti waan gaggeeffamuuf sagantaa kana irratti akka argamtan waamicha isiniif taasifna.
Odeeffannoo dabalataa argachuuf lakkoofsa Bilbilaa 09 11 48 86 10 dhaan qunnamuun ni danda’ama.
Bulchiinsa Mootumaa Naannoo Oromiyaa
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.