Fana: At a Speed of Life!

Ibsa bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa irraa laatame

Finfinnee, Hagayya1, 2015 (FBC) – Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa haala yeroo ilaalchinsee ibsa baaseera.

Ityoophiyaan biyya qormaata kamiiyyuu dandamattu ta’uu ibseera.

Ityoophiyaan biyya dhiibbaa keessaa fi alaa ishee muudate hedduun dandamachuun har’a kan geese ta’uu eereera.

Tokkummaa fi gamtaan ummata ishee qormaatilee mudatan akka ceetuuf qooda olaanaa qabaachuu ibseera.

Carraan birmadummaa ummata biyyattii daraan kan walitti hidhame ta’uu kaaseera.

Ityoophiyaan tokkummaa bu’uura cimaarra akka dhaabbattu wantoota taasiisan keessaa walitti hidhamiinsi ummataa fi raayyaan ittisa biyyaa isaan tokko ta’uu himeera.

Gaachana biyyaa kan ta’e Raayyaan Ittisaa biyyaa yeroo garaagaraatti balaa diina alaa fi humnoota finxaaleyyiin itti aggamamu ga’umsaan qolachuun kabajnii fi tokkummaan ishee cimee barabaraan akka jiraatu dhiiga, lafee fi lubbuu isaa laachaa turuu ibsichi kaaseera.

Dhaabbanni guddaa fi cimaan kun olola diinaa fi finxaaleyyiin kan raafamu osoo hin taane sabdaneessummaa isaa eeguun dirqama isaa ga’umsaan ba’ataa jiraachuu ibseera.

Yaa ta’uutii Raayyaa Ittisaa tuquu jechuun birmadummaa biyyaa tuquu akka ta’u hubatamuu akka qabu yaadachiiseera.

Naannoo Amaaraatti humni finxaaleyyii Jawwisaan gaaffii ummataa naannichaa fakkeessuun hidhannoon Raayyaa Ittisaarratti haleellaa raawwachuun naannicha dirree waraanaa taasiisuuf socha’aa jiraachuu ibseera.

Wayita ummanni naannichaa ilmaan gadaameessa isaa keessaa ba’aan hogganamaa jirutti ummatichi gaaffii ummata biyyattiirraa adda ta’e akka qabu fakkeessuun hidhannoon karaa qaxxaamuraan aangoo qabachuuf sochii diinagdee fi hawaasummaa naannichaa gufachiisuuf hojjetaa jiraachuu eerera.

Yaa ta’uutii ummanni Amaaraa akkuma ummata biyyattii birootti mootummaan filannoon hundeesse fayyadamummaan lammiilee akka mirkanaa’u cimee hojjetaa jiraachuu kaaseera.

Finxaaleeyyiin kunneen ani yoon bulche malee biyyi biyya hin taatu yaada jedhuun maqaa gaaffii ummataan fedhii dhuunfaa isaa guuttachuuf gochaa naannicha diiguu fi shororkeessuun faayidaa diinagdee fi hawaasummaa naannichaa miidhaa jiraachuu ibseera.

Waliigalaa Ummata Ityoophiyaas ta’e ummata Amaaraa irraa gaaffiin jiraachuu baatus, mootummaan naannoo Oromiyaa gidiraa fi miidhaan ummata irra ga’aa jiru guddaa kan isa gaddisiise ta’uu eereera.

Ummannii fi mootummaa naannoo Oromiyaa sabaaf sablammoota biyyattii waliin Mootummaa fi Ummata Amaaraa cidhaa dhaabbachuun abjuu finxaaleeyyii jawwisaa falashaleessuuf tumsa barbaachisu hunda kan taasiisu ta’uu himeera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.