Fana: At a Speed of Life!

Huurrii mudateen Xiyyaaronni buufata filmaataa biroo akka qubatan taasifamuu daandichi beeksise

Finfinnee, Hagayya 16, 2016 (FBC)- Haala qilleensa ‘Huurrii cimaa’ mudateen xiyyaaronni gara Buufataa Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti imalaa turan buufata filmaataa biraa akka qubatan taasifamuu Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa beeksise.

Daandichi gamaa miidiyaa hawaasummaa isaan akka beeksisetti, halkan sa’aatii 9:00 irraa eegalee haala qilleensaa Huurrii makaterraan kan ka’e, xiyyaaronni gara Itiyoophiyaatti balalii taasisaa turan buufata xiyyaaraa filmaataa biroo akka qubatan dirqamuu ibseera.

Kunis balalii biyya keessaa fi idil addunyaarratti dhiibbaa uumuu kan eere daandichi haala qilleensaa rakkisaa umamerraan dhamaatii imaltootarra ga’een dhiifama gaafateera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.