Fana: At a Speed of Life!

Hundi gara Wallootti haa duulu jechuun Preezdaantiin Mootummaa naannoo Amaaraa waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2014 (FBC)- Haleellaa garee shororkeessaan ABUT bane qolachuuf lammiin hundi of gurmeessee tokkummaan ka’uun  gara Wallootti duuluu  qaba jechuun Preezdaantiin Mootummaa naannoo Amaaraa  Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa waamicha dhiyeessan.

Gareen shororkeessaa haleellaa baneen  lammiilee nagaa hedduu ajjeesuu fi qe’ee fi qabeenyarraa buqqisuu ibsaniiru.

Bu’uuraalee misoomaa barbadeessuu isaas himaniiru.

Haleellaa isaa kana qolachuun kan danda’amu of gurmeessuunii fi tokkummaan ka’uun ta’uu ibsaniiru.

Kayyoon haleellaa garee shororkeessaa kun Ityoophiyaa diiguu fi gaanfa Afrikaa nagaa dhowwachuuf ta’uu ibsuun, qabsoon taasifamaa jiru kan Amaaraa fi Affaar qofa osoo hin taane kan Ityoophiyaanota hundaa ta’uu kaasaniiru.

Waamicha duulaa kanaan dura naannichi waameen bakkeewwan garaagaraatti humna diinaa injifachuun danda’amuu himaniiru.

Yeroo dhiyoo asitti humni diina uummata hedduu of duuba hiriirsuun Dassee fi Kombolchaa irratti xiyyeeffatee haleellaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.

Haleellaa kana qolachuuf gootichi raayyaa ittisa biyyaa, humni addaa Amaaraa, Faannoo fi Milishaan uummata naannoo waliin ta’uun diina waliin wal’aansoo wal qabaa jiraachuu ibsaniiru.

Uummanni Walloo Kibbaa raayyaa ittisa biyyaa waliin hiriiree galaa qopheessuunii fi haamilee itti horuun gaachanummaa isaa mirkaneessaa jira jedhan.

Diinni ammas uummata of duuba hiriirsee dhufaa kan jiru ta’uu fi diina barbadeessuuf hundi tumsuu akka qabu ibsaniiru.

Hunduu akkaatuma eegaleen deeggarsa taasisuu cimsee akka  itti fufuu gaafataniiru.

Yeroon uummanni biyyattii hundi tokkummaan ka’ee diina isaa biyyaa balleessu amma ta’uu ibsuu isaanii AMKn gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.