Hundeessaan giddugala leenjii fi barnootaa islaamummaa Daanaa Sheeh Ahimad Nuur Sheeh Misbaah boqotan
Finfinnee, Gurraandhala 26, 2014 (FBC) – Hundeessaan giddugala leenjii fi barnootaa islaamummaa Daanaa Sheeh Ahimad Nuur Sheeh Misbaah guyyaa kaleessaa addunyaa kanarraa du’aan boqochuu Manni Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Ityoophiyaa beeksise.
Preezdaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Ityoophiyaa Dooktarri Kabajaa Muftii Hajii Umar Idiriis boqochuu Sheeh Ahimad Nuuriin gaddi itti dhaga’amuu ibsuun maatiisaanii fi hawaasa musiliimaa maraaf jajjabina hawwaniiru.
Sirni awwalcha Sheeh Ahimad Nuur bakka hoggantoonni olaanoo amantichaa, firoottanii fi bakka bu’oonni mootummaa argamanitti guyyaa kaleessaa bakka awwaalchaa Mandaraatti gaggeeffameera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.