Fana: At a Speed of Life!

Hundeessaa fi Hogganaan Teeleegiraamii wabii Yuuroo miiliyoona 5 gadi lakkifamuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 23, 2016 (FBC) – Sooressi beekamaan, Hundeessaa fi hogganaan Teeleegiraamii Faransaayitti to’annoo jala oolee ture Paaveel Duuroov wabii Yuuroo miiliyoona 5 gadi lakkifamuu ibsameera.

Turtii mana amala sirreessaa guyoota 4 booda halkan edaa mana Murtiitti dhiyaate.

Manni murtichaa Paaveel Duuroov wabii Yuuroo miiliyoona 5 akka gadi lakkifamu murteesseera.

Sooressi kun wabii Yuuroo Miiliyoona 5 gadi lakkifamus yakki ittiin shakkame hanga qulqullaa’uutti Faransaayii akka hin bane dhorkamuu RTn gabaaseera.

Paaveel Poolisii Faransaayiin xiyyaara dhuunfaa isaan buufata xiyyaaraa Lee Burgee jedhamu wayita qubatutti to’atamuun kan yaadatamuudha.

Raashiyaatti kan dhalate, abbaan qabeenyaa kun lammummaa Faransaayii fi Emereetota Arabaa kan qabu ta’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.