Hundeeffamuun naannoo Uummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa kutannoo sirna federaalizimii sabdaneessaa jabeessuuf taasifame mirkaneessa jedhame
Finfinnee, Sadaasa 15, 2014 (FBC) – Hundeeffamuun naannoo Uummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa kutannoo sirna federaalizimii sabdaneessaa jabeessuuf taasifame kan mirkaneessu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.
Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa hundeeffama naannoo uummattoota kibba lixa Ityoophiyaa ilaalchisee erga baga gammaddanii dabarseera.
Uummattoonni kibba lixa Ityoophiyaa mirga heera mootummaatiin gonfatan adeemsa seeraa karaa eegeen fayyadamuun naannoo miseensa Mana Maree Federeshinii 11ffaa ta’uu ibsameera.
Uummattoonni kibba lixa Ityoophiyaa waggoota dheeraaf gaaffii naannoo ta’uu kaasaa turuu ibsichaan eerameera.
Hoggansi jijjiiramaa gara aangootti akka dhufeen gaaffii uummatichi kaasaa ture heera mootummaa kan hordofee ta’uu amanuun adeemsa seera qabeessa hordofee akka deebi’uuf tattaaffii taasisuu ibsichaan ka’eera.
Bu’uura kanaan uummatichi fedhiisaatiin murtoo isaa akka murteeffatu taasifameera.
Murtoo uummataa diimokiraatawaa ta’een naannichi bu’uura heera mootummaa Ityoophiyaan naannoo 11ffaa ta’ee akka caaseffamu taasifamuu ibsameera.
Sirna gaaffiin uummataa karaa seeraa, nagaa fi heera mootummaa dhiyaatu itti keesumsiifamu hundeessaa jirra.
Sirni federaalawaa sirrii bu’aa jijjiiramaan argamuu adeemsi hundeeffama naannoo haaraa agarsiistuu ta’uu ibsameera.
Gareen shororkeessaa ABUT heera mootummaafis ta’e sirna federaalawaaf bakka kan hin qabnee fi gaaffii uummataa ukkaamsaa turuu ibsameera.
Gocha gareen shororkeessaa kun diinota keessaa fi alaa waliin ta’uun Ityoophiyaa diiguuf raawwatu qolachuuf hundi ga’eesaa ba’achuu akka qabu mootummaan waamicha dhiyeessuu ibsameera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.