Fana: At a Speed of Life!

Naannolee fi bulchiinsi magaalotaa naannoo Sidaamaaf Birrii miiliyoona dhibba 2 deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2013 (FBC) – Ayyaana Hundeeffama naannoo Sidaamaa sababeeffachuun naannolee fi bulchiinsi magaalotaa naannichaaf Birrii miiliyoona dhibba 2 ol deeggarsa taasiisaniiru.
Maaotummaan naannoo Oromiyaa birrii miiliyoona 100, Bulchiinsi magaalaa Finfinnee birrii miiliyoona 10, naannoon Amaaraa birrii miiliyoona 30 naannoon Soomaalee birrii miiliyoona 10, naannoon Hararii miiliyoona 5, naannon Afaar miiliyoona 7, fi naannoon Gaambeellaa miiliyoona 5, akkasumas Godinii Arsii miiliyoona 1 magaalaan Shaashamannee miiliyoona 1.5 deeggarsa taasiisaniiru.
Sirnicharratti Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni naannoolee fi federalaa argamaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.