Fana: At a Speed of Life!

Hundeeffama Waggaa 80ffaa Kilaba Ispoortii ‘Machaal’ irratti Ispoorteessitoonni bebeekamoon Poorchugaal akka argamaniif hojjetamaa jira-Embaasicha

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2016 (FBC) – Sirna kabaja hundeeffama Waggaa 80ffaa Kilaba Ispoortii Machaal’ irratti Ispoorteessitoonni bebeekamoom Poorchuugaal akka argamaniif hojjechaa jiraachuu Itiyoophiyaatti Embaasiin Poorchuugaal beeksise.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Poorchuugaal Ambaasaaddar Liwiis Firagosoo fi Ministir Deetaan Ministeera Aadaa fi Ispoortii Ambaasaaddar Masfin Charinnat garee ispoortii Machaal daawwataniiru.

Ambaasaaddar Liwiis garichi maqaa gaarii qabaachuu kan beekan ta’uu ibsuun gosa ispoortii garaagaraa qabaachuu isaanitti gammadeera jedhan.

Poorchuugaalitti Ispoortiin Biskileetii bal’inan kan shaakalamu ta’uu eeruun, Machaalis damicharratti kan hirmaatu yoo ta’e deeggarsa barbaachiisu hunda kan taasisan ta’uu ibsaniiru.

Sirna kabaja waggaa 80ffaa kilaba Ispoortii Machaalirratti Ispoorteessitoonni Poorchuugaal bebeekamoon akka hirmaataniif kan hojjetan ta’uu ibsuu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.