Fana: At a Speed of Life!

Hundee Artii Oromoo Doktora Kabajaa Alii Birraa dhabuun Gadda Guddaadha-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2015 (FBC)- Abbaa sagalee kiiloolee, hunda galeessa hundee Aartii Oromoo Doktora Kabajaa Alii Birraa dhabuun Gadda Guddaadha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

Pireezidaanti Shimallis du’aan Boqochuu Artist Alii Birraa ilaalchisuun gaddaa isaanitti dhagaa’ame ibsaniiru.

Guutummaan ibsa isaanii akka ittaanutti dhiyaateera.

Addunyaa kanarratti dhalatanii jiraachuun jiraatanii darbuun taatee uumamaa waakkachuun hin danda’amne ta’ullee, namoonni raajiif uumamanii dhala namaatiif hambaa sona hiikkaa jireenyaa kaa’an yommuu darban amananii fudhachuun nama rakkisa.

Uumaa fi uumamaan wal namadhabsiisa. Umamanii jiraachuun, jiraatanii darbuun erga hin oollee akka isaanitti jedhamuun addunyaa kanarratti goonfoo kabaja namoomaa fi gahumsa safartuu jireenya milkaa’aa kan argatan namoota muraasa.

Doktarri Kabajaa Artist Birraa namoota muraasa gonfoo kabajaa fi milkaa’ina jireenyaan badhaafaman keessaa nama sarara jalqabaarratti hiriiruu danda’uu dha yoo jedhame itti hin baay’atu.

Nama ulfoo fi dhalootaaf siidaa hiikkaa jireenya milkaa’aa fi safartuu namoomaa kaa’e dhabuun gadda guddaa dha.

Du’aan boqochuu Dooktara Kabajaa Alii Birraa gadda natti dhagahame maqaa koofi maqaa Mootummaan Naannoo Oromiyaatiin ibsuun barbaada.

Namni akka Doktora Kabajaa Artis Alii Birraa daawwitii jireenya milkii ta’uun fuullee namarraa dhabamuu osoo baatanii hawwiidha. Uumama waan ta’eef, Itoophiyaan, kallacha Artii Muuziiqaa, Abbaa jaalalaa fi tokkummaa, mallattoo milkii jireenyaa hunda galeessa aartii fi qaanqee ka’umsa gaaffii walqixxummaa ummattootaa dhabdee jirti.

Doktarri kabajaa Artist Alii Birraa nama artiif uumamee aartiif jiraate. Artiin ibsituu qabatama jireenya addunyaati kan jedhamu walaloo, yeedaloo fi sagalee kiilolee Alii Birraa keessatti sirnaan dhugoomeera. Waa’ee jaalaalaa yoo weellisu akkuma weedduu isaa keessatti innuu ibse qalbii fudhatee namaan bada.

Dhala namaatiif maddi gammachuu fi hiikni dhugaan eenyummaa namoomaa Obolummaa dhugaan jiraachuudha kan jedhu Doktorri Kabajaa Alii Birraaf yeroo nama biraaf hin galletti duursee galeefi.

“Waaqamoo Namumaa kan seera jalise, haati keenya takka maaltu adda nu baase” jedhee weedduun sagalee kiiloolee sanaan weeddise, nama har’allee dhaggeeffatuuf hiikkaa eenyummaa namooma dhugaa kennaafi. Falli rakkoo hundaas obbolummaa dhugaan jiraachuu ta’uu dursee hime.

Abbaan sagalee kiiloolee fi hunda galeessi hundee Artii Doktarri kabajaa Artist Alii Birraa, ilma qaalii addunyaan raajeeffatu, Itoophiyaanoonni ija jaalalaa fi mararteen ilaalan ta’ullee, addatti ammoo seenaa qabsoo uummata Oromoo keessatti nama qaanqee bu’uura gaaffii eenyummaa fi walqixxummaa qabsiiseedha.

Alii Birraa artiin eenyummaa, Aadaafi Afaan Oromoo gita bittootaan awwaalamee ture ifa baasuu bira darbee uummanni Oromoo akka of beeku, tokkummaa isaa jabeeffatu, dammaqee mirga isaaf akka falmatu hojii seenaan yoomuu hin daganne nama hojjetedha.

Afaan Oromoo hundee Oromummaa akka ta’e, Afaanichaan Oromoon barachuun bu’ura bilisummaa ta’uun dhaloota ceesisuu akka danda’u dursee kan raage, Oromoon yoo barate qofa hawaasa siyaasaan dammaqe akka ta’u artiidhaan qirqirsee qabsoof kan si’oomse qaanqee mirga walqixxummaa fi walabummaati. Har’a mul’anniifi raagni Alii kaleessaa galma ga’eera.

‘Barnoota ammas barnoota, kana ta’uu qaba kaayyoon Oromootaa’ jechuun ergaan kaleessa artiin dabarte har’a dhugaa taatee Oromoon miliyeena hedduun lakkaawamu barnoota irratti bobba’eera.

“Karaan mana Abbaa Gadaa eessa? Jechuun gaaffiin siyaasaa eenyummaa ganamaatti deebi’uu dhalootaaf dhaame qaanqee qabsoo ta’uun Gadaa deebiseera. Har’a Oromoon duudhaa isaa ganamaa jabeeffachaa sirna isaaf ta’u ijaarrachaa jira. Aliin kaayyoo dharra’eef, ifa hawwe, mul’ata ifaajeef argee irraas dhandhameera.

Aliin ilma hayyuu qaalii Oromoo ummata isaaf jiraatee darbeedha. Har’a sagalee kiilooleen jaalalaa hanga tokkummaa, siyaasaa hanga barsiifata bariiroo hawaasummaa, quuqqaa fi quuqama dhalootaaf dhaame sun uumamaan mo’atamee walittijedhee jira.

Doktora Kabajaa Artist Alii Birraa du’aan of biraa dhabnus, siidaan inni artiin ijaare dhalootatu ittiin barata. Inni du’us maqaan isaa boollaa oli. Dhalootatu baraa baratti faarsee ittiin boona.

Falaasama jireenyaa dhaloota dhaalchisanii darbuun jireenya bara baraati. Maqaan kee bara baraan waamama.

Irra deebiin dua’aan boqochuu Doktora kabajaa Alii Birraatiin gadda natti dhagaahame maqaa koofi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaan ibsaa maatii isaaf, uummata Itoophiyaa, uummata Oromoo akkasumas dinqisiifattoota isaa biyya keessaa fi alaa jiran hundaaf jajjabina hawwa.

Shimallis Abdiisaa, Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.