Fana: At a Speed of Life!

Humnoota hidhatan waliin nageenya buusuuf mootummaan koree hundessuun hojjechaa jira-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 19, 2015 (FBC)-Mariin Shanee waliin taasifamuu adeemsarra akka jiruu fi mootummaan koree hundessuun hojjechaa jiraachuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad himan.

Hidhattoota biyyattii keessa socho’an waliin haala nagaa buusuun danda’amurratti gaaffilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa ka’aniif deebii kennaniin, nageenya mirkaneessuuf hidhattootaa biyyattii keessa socho’an waliin marii gaggeessuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Walitti bu’iinsi karaa nagaan akka furamuuf mootumman fedhii olaanaa qabaachuu kan kaasan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad, hidhattoota waliin mari’achuuf koreen hundaa’ee adeemsarraa jiraachuu dubbataniiru.

Hidhattoota Naannoo Beenishaangul Gumuz, Gaambeellaa, Qimaanti waliin adeemsa eegalameen bu’aa fooyya’aan argamuu kaasaniiru.

Waamichi nageenyaa Mootummaan Naannoo Oromiyaa hidhattoota naannicha keessa socho’aniif dhiyeesse kallattii mootummaa fi paartiin kaa’een kan taasifame ta’uu yaadachiisaniiru.

Humni hidhate kun bittinaa’aa ta’uun adeemsicha harkifachiisuus, baatiiwwan lamaan darban keessa yaaliin taasifame jiraachuu himaniiru.

Walitti bu’iinsa jiru hunda mariin furuuf mootummaan ejjennoo jabaa akka qabu kaasaniiru.

Humnoonni hidhatanis garaa marii fi nageenyaatti akka dhufan dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.