Fana: At a Speed of Life!

Humnoota Amantaa daheeffachuun walitti bu’iinsa uumuun fedhii farreen Ityoophiyaa milkeessuuf socho’anirratti tarkaanfiin fudhatamaa jira – Humna Waloo nageenya

Finfinnee, Eebila 20, 2014 (FBC) – Humnoota Amantaa daheeffachuun walitti bu’iinsa uumuun fedhii humnoota farreen Ityoophiyaa milkeessuuf socho’anirratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu Humni Waloo Nageenyaa Federaalaa beeksiise.

Naannoo Amaaraa Godina Giddu gala Goondar magaalaa Goondaritti dhimma iddoo awwaalchaan walqabatee hordoftoota amantaa Kiristiyaanaa fi Islaamaa gidduutti uumame sababa taasiisuun kutaalee biyyattii garaagaraatti amantii uwwisa taasiisuun hokkoraa fi jeequmsa uumuun fedhii humnoota farreen nageenyaa Ityoophiyaa milkeessuuf socho’aan irratti tarkaanfii fudhatamaa jiraachuu Humni waloo kun ibseera.

Humnoonni farreen nageenyaa keessaa fi alaa saba bu’uura godhachuun ajandaa jibbiinsaa tamsaasuun biyyattii gara jeequmsaatti galchuuf tattaaffii taasiisaa turan jiraachuu ibseera.

Duudhaaleen waloo ummata biyyattii baroota lakkoofsise yaalii kana fashaleessuu isaan yeroo ammaa amantaa dahoo taasiisuun hordotoota amantaa gidduutti jibbiinsa facaasuun, akkasumas walitti bu’iinsi akka uumamu kallattii garaagaraan socho’aa jiraachuu humni waloo kun ibsa miidiyaaaleef ergeen eereera.

Walitti bu’iinsi Goondaritti uumame kutaatlee biyyattii birootti akka babal’atu qaamoleen shira xaxanii fi gochaa kana keessatti hirmaatanirratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu ibsichi kaaseera.

Haaluma kanaan qaamoleen walitti bu’iinsa Goondariit uumame keessatti hirmaataan 280 to’annoo jala ooluu eereera.

Isa Goondar sababa godhachuun kutaalee biyyattii iddoolee tokko tokkotti dhaabbilee amantaa fi namoota dhuunfarratti haleellaa raawwachuun dhimmichi gara walitti bu’iinsa biyyaalessatti akka deemuu yaaliin taasiifamaa jiraachuu humni waloo nageenyaa kun himeera.

Qaamolee kallattiin gichicha keessatti hirmaatan qofa osoo hin taane kanneen duuba taa’uun harka namaan ibidda qabatan jiraachuu ragaa qabatamaan argamuu himeera.

Rakkichi gara iddoolee birootti akka babal’atu qaamolee miidiyaalee adda addaa fayyadamuun jibbiinsa tamsaasaa jiranirratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu himeera.

Qaamoleen gochaa kana keessatti hirmaataan hatattamaan gochicharraa of qusachuu akka qaban hubachiiseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.