Fana: At a Speed of Life!

Humnoonni siyaasaa Sudaan waliigaltee hundeeffama mootumaa ce’umsaa ariitiin gara hojiitti jijjiiru qabu – Antooniyoo Guteereez

Finfinnee, Amajjii 30, 2012 (FBC) – Humnoonni siyaasaa Sudaan waliigaltee hundeeffama mootumaa ce’umsaa ariitiin gara hojiitti jijjiiru akka qaban Barreesaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteereez gaafatan.

Barreesaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteereez Dura Taa’a Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faaqii Mahaamaat waliin mari’ataniiru.

Mariidhaan boodde ibsa laataniin humnoonni siyaasa biyyatti yeroo kam caalaa nageenya hawaasaa fi biyyattiif dursa kennuun hojjechuu qabu jedhaniiru.

Antooniyoo Guteereez hundeeffama mootummaa ce’umsaa yeroo isaa dheeressuuf sochiin taasifamu fudhatama hin qabu jedhan.

Gama biraatiin liibiyaatti, naannoo Sahaalii fi naannoo haroo Chaaditti miidhaa shoroorkeessumaa raawwatan fi walitti bu’iinsa uumaamaan hiikuuf carraaqqiin taasifamu dhaabbanni mootummoota gamtoomanii gamtaa Afrikaa waliin hojii cimaa hojjechaa akka jiru himaniiru.

Vaayrasi koroonaa waliin walqabatee ibsa laataniin tamsa’ina vaayrasichaa to’achuuf tumsi idil addunyaa akka taasifamu waamicha dhiyeessaniiru.

Akkasumaas gaanfaa Afrikaatti miidhaa qaqqabsiisaa kan jiru hoomaa awwaannisa gammoojjii waliin ittisuu akka qaban eeraniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.