Fana: At a Speed of Life!

Humni Waloo Yaa’ii Gamtaa Afrikaa ilaalchisee gamaaggama waliigalaa taasise

Finfinnee, Guraandhala 12, 2016 (FBC)- Humni Waloo Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 37ffaa fi Walga’ii Mana Maree Raawwachiistotaa 44ffaa ilaalchisuun gamaaggama waliigalaa taasiseera.
 
Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Pooisii Federaalaa Dammallash Gabiramikaa’el waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, Yaa’ii Gamtaa Afriikaarratti keessummoonni kuma 8 ol akkasumaas gaazexeessitoonni alaa hirmaachuun nagaan milkaa’inaan xumuramuu ibsan.
 
Humni Waloo Tikaa fi nageenya biyyaalessaas riifoormiin erga gaggeeffamee as bu’aalee olaanaa galmaa’aa jiraachuu dubbataniiru.
 
Bara 2016’tti sagantaaleen garaagaraa gaggeeffamaan nagaan xumuramuun Yaa’iin Gamtaa Afrikaas nagaan akka xumuramuuf gumaacheera jedhan.
 
Dabalataan ummatoonni Itiyoophiyaa keessumaa jiraattonni Magaalaa Finfinnee tumsa olaanaa taasisaa jiraachuu eeruun milkaa’ina olaanaa galmaa’eefis gumaacha taasisaniif galateeffataniiru.
 
Daayrektarri Ittaanaa Tajaajila Nageenyaa Odeeffannoo Siisaay Tolaan gama isaaniin bu’aan argame kun mootummaan riifoormii dhaabbilee taasisuuf tarkaanfii fudhateen ta’uu himaniiru.
 
Milkaa’inni Yaa’ii Gamtaa Afrikaas dhaabbileen nageenyaa walta’iinsan hojjechuurraan kan dhufe ta’uu kaasaniiru.
 
Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoonis akka jedhanitti keessummoota simachuun rakkoo nageenyaa tokko malee keessummeessuun, qaamoleen nageenyaa tajaajila sa’aatii 24 kennuun sagantichi milkaa’inaan akka xumuramuuf gumaacha taasifameef galateeffachuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.
 
Ajajaan Eegdota Rippaabilkaanii Meejer Jeneraal Jamaal Abdurroon, qaamoleen nageenyaa akkasumas qaamoleen dhimmichi ilaallatu biroon milkaa’ina Yaa’ii Gamtaa Afrikaaf qindoominaan hojjechuurraan bu’aan olaanaan kan argame akka ta’e dubbataniiru.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.