Humni Waloo Nageenyaa Abbootii Amantaa Ortodoksii waliin mari’ate
Finfinnee, Amajjii 9, 2015 (FBC) – Humni Waloo Nageenyaa fi Tikaa kabaja Ayyaana Cuuphaa ilaalchisee Abbootii Amantaa Ortodoksii waliin mari’ate.
Kaayyoon marichaa ayyaanni Cuuphaa karaa nagaan akka kabajamu taasiisuuf ta’uu ibsameera.
Humni waloon nageenyaa ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa rakkoo nageenyaa malee akka qabajamuuf qophii barbaachisu taasiisu maricharratti ka’eera.
Humni waloo nageenyaa ayyaanonni Ummataa karaa nagaan akka kabajamu hojiilee bu’aa qabeessa hojjechuu Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel ibsaniiru.
Ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa bara kanaas karaa nagaan akka kabajamuuf qophii barbaachisu xumuruun gara hojiiti galamuu eeraniiru.
Komishinarri Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel Abbootiin amantaa ayyaana mallattoo tokkummaa fi nageenyaa ta’e kana irratti qaamolee rakkoo nageenyaa uumuun bu’aa siyaasaa argachuuf hojjetan saaxiluuf qaamolee nageenyaa waliin qindoominan akka hojjetan gaafataniiru.
Ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa karaa nagaan akka kabajamu kutaalee hawaasaa garaagaraa waliin mari’achuun ejjennoo waloo qabaachuu isaanii abbootiin amantaa maricharratti hirmaatanis ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.