Fana: At a Speed of Life!

Humni walichaa raawwii baatiwwan sadan darbanii gamaaggame

Finfinnee, Fulbaana 29, 2016 (FBC) – Baatiwwan sadan darban keessa hojiileen bu’aa qabeessa ta’an raawwatamuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa beeksiiseera.

Humni walichaa baatiwwan sadan darban keessaa hojiilee hojjetaman, bu’aalee argamanii fi hanqinoota turan gamaaggamuu ibseera.

Ayyaanni Qaammee, bara haaraa, Daamaraa Masqalaa, Mawuliidaa fi Irreechaan, akkasumas sirni barniinsa mana maree lamaanii milkiin akka xumuramu qindoominaan hojjetamuu Humni walicha ibsa Faanaa Biroodkaastiingi Korporeetiif ergeen himeera.

Hojiileen teeknooloojiin deeggaramuun hojjetame bu’aa gaarii argamsiisuu ibseera.

Hojiin ummannii fi qaamoleen nageenyaa humna walichaa waliin tumsaan hojjetan bu’aa argamsiiseef galateeffateera.

Guyyoota 100 itti aanaan keessa hojiilee hojjetaman adda baasuun Itiyoophiyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf kan hojjetu ta’uu ibseera.

Hojiileen Nageenyaa fi tasgabbii akka milkaa’u hirmaannaan hawaasaa murteessa ta’uu hubachuun hawaasni haala barameen tumsa taasiisu cimsee akka itti fufu gaafateera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.