Fana: At a Speed of Life!

Humni walichaa oppireeshinii magaalaa Finfinnee fi naannawaasheetti gaggeesseen miseensota qaamolee farreen nageenyaan shakkaman 454 to’achuu ibse

Finfinnee, Adoolessa 16, 2014 (FBC)- Humni Waloo Nageenyaa fi Tasgabbii Federaalaa oppireeshinii magaalaa Finfinnee fi naannawaasheetti gaggeesseen miseensota qaamolee farreen nageenyaan shakkaman 454 to’achuu ibseera.

Humni walichaa haala yeroo irratti ibsa baaseera.

Miseensonni garee ABUT, Adda Bilisa Baasaa Gambeellaa, Sosochiin Dimokiraasii Uummata Gumuzfi Shanee yeroo dhiyootti waliin qindaa’uun naannoo Gambeellaa magaalaa Gambeellaa fi naannawaasheetti akkasumas magaalota Gimbiifi Dambi Doollootti haleellaa raawwachuuf yaalii taasisuu fi humni waloo nageenyaa federaalaa qaamolee nageenyaa naannichaa fi hawaasa waliin ta’uun tarkaanfii fudhataniin gocha badii isaanii fashaleessuu yaadachiiseera.

Humni walichaa tarkaanfii fudhateen miseensota gareewwan kanneenii hedduu to’achuu fi miseensota 137 barbadeessuu ibseera.

Tarkaanfii fudhatameenis rakkoon nageenyaa naannichaa fooyya’uun gara sochii nagaatti deebi’uu eerameera.

Kun kanumaan osoo jiruu gareewwan shororkeessitootaa kunneen godina Wallagga Lixaa magaalaa Gimbii aanaa Toleetti lammiilee nagaarratti miidhaa gara jabummaa raawwachuu yaadachiiseera.

Humni waloo Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaa, qaamolee nageenyaa naannoo Oromiyaarraa walitti babba’an Waxabajjii 07-Adoolessa 07, 2014tti duula gaggeessaniin miseensota garee shororkeessitootaa 153 barbadeesuufi 900 ol to’achuun dhimmi isaanii seeraan qulqulleeffamaa jiraachuu ibseera.

Duula kanaan meeshaaleen waraanaa garaagaraa fi konkolaattonni  gareen shororkeessaa Shanee itti fayyadamaa turee to’atamuu eerameera.

Gama biraan kutaa kaaba biyyattiitti duula seera kabachiisuu gaggeeffameen Raayyaa Ittisa Biyyaa fi qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun qaamolee finxaaleyyii Faannoo dawoo godhachuun socho’aniifi meeshaa waraanaa hidhachuuniifi seeraan ala dhukaasa banuun naannichi gara jeequmsaatti akka seenu yaalan gocha isaanii humna nageenyaa fi uummata naannichaan fashalaa’uu ibsameera.

Gareen finxaaleyyi kun beekamtii Raayyaa Ittisa Biyyaafi dhaabbilee poolisiin ala dargaggoota filachuun dhoksaatti leenjisuuniifi meeshaa waraanaa hidhachiisuun uummanni akka shororkaa’u taasisuurra darbee bakkaa bakkatti socho’uun ergaawwan jeequmsa kaasan miidiyaan tamsaasaa akkasumas lubbuu lammiilee nagaa balleessaa, qe’eefi qsabeenyarraa uummata buqqisaafi saamaa kan turan qaamolee nageenyaa federaalaa fi naannoo ganuun kan to’ataman, murtoon mana murtii kan itti kennameefi to’annoo jala osoo hin ooliin kan turaniifi yakka ajjeechaan barbaadamaa kan turan waliigala shakkamtoonni kumni 5 fi 804 to’annaa jala ooluun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu eerameera.

Dabalataanis naannoo Amaaraa bakkeewwan garaagaraarraa walitti gurmaa’uuniifi diyaaspoorota finxaaleeyyii waliin ta’uun gocha badii isaaniif kan oolu maallaqa guddaan meeshaalee hidhannoo guutuun, leenjii kaartaa dirree waraanaa fi riphee loltummaa fudhachuun meeshaa seeraan alaa dhoksaan gara magaalaa Finfinnee  galchuuf osoo yaalii taasisanii to’annaa jala oolaa jiraachuu ibsameera.

Kana malees miidiyaalee finxaaleyyii biyya alaatti argaman fayyadamuun odeeffannoo sobaa osoo dabarsanii, mootummaa ce’umsaa hundessuuf gareen osoo socho’anii fi naannoo Amaaraa fi hoggantoota olaanoo mootummaa federaalaarratti haleellaa raawwachuufi mootummaa humnaan kuffisuuf socho’aa kan turan miseenosta garee finxaaleyyii Faannoo 14 oppireeshinii taasifameen sanadoota iccitii garaagaraa waliin to’atamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu eerameera.

Haaluma kanaan rakkoon nageenyaa naannichatti ture dhabamsiifamuun naannichi gara sochii nagaatti deebi’uu kaafameera.

Gama biraan humni walichaa oppireeshinii qindaa’aa magaalaa Finfinneefi naannawaasheetti gaggeesseen miseensota Finxaaleyyii Faannoo haleellaa shororkeessummaa raawwachuuf yaalan 51, miseenosta garee shororkeessaa ABUT 174, Miseensota Shanee 98, shakkamtoota magaalichatti jeequmsa uumuuf yaalan 100 fi Miseensota Al-Shabaabiifi ISIS 31  walumaagala shakkamtoota 454 to’achuu eeramera.

Dabalataanis magaalichatti namoota yakka saamichaa garaagaraan shakkaman 50 to’annaa jala oolchuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu kaafameera.

Bu’aan hanga ammaatti argame deeggarsa uummanni qaamolee nageenyaa waliin taasiseen ta’uu ibsuun, deeggarsa uummanni taasiseef galateeffateera.

Uummanni hirmaannaa isaa cimsee akka itti fufu humni walichaa gaafateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.