Fana: At a Speed of Life!

Humni walichaa namoota dhuunfaa daddabarsa Doolaara seeraan alaa fi yakka biroon shakkaman to’annoo jala oolche

Finfinnee, Bitootessa 5, 2015 (FBC) – Humni waloo Nageenyaa namoota dhuunfaa daddabarsa Doolaara seeraan alaa fi yakka biroon shakkaman to’annoo jala oolchuu beeksise.

Humni walichaa magaalaa Finfinneetti sakattoo gaggeesseen namoota dhuunfaa daddabarsa Doolaara seeraan alaa, maallaqa Sobaa Maxxansuu fi meeshaalee waraanaa seeraan ala daddabarsuun shakkaman 5 to’annoo jala oolchuun qorachaa jiraachuu eereera.

Birrii karaa seeraan alaa Bittaa Doolaaraaf ooluuf ture kuma dhibba 6 ol, Cheekii mallattaa’ee karaa seeraan alaa Bittaa Doolaaraaf ooluuf tura Birrii miiliyoona 4 fi kuma dhibba 9, Kilaashinkoovii 3, Shugguxii 4 fi Rasaasa shakkamtoota kanneen waliin harkaaf harkatti to’achuu himeera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.