Humni shororkeessaa hiriiree magaalaa Dasee weeraruu dhufe adabamuu ibsame
Finfinnee, Onkololeessa 21, 2014 (FBC) – Humni shororkeessaa Yuunvarsiitii Walloo seenuun suuraa ka’aa turerratti tarkaanfii cimaa fudhameen barbadaa’uu ibsameera.
Garichi magaalaa Dasee fi naannawaa ishee to’adheera jechuun olola sobaa firfirsaa jiru murannoo ilmaan Ityoophiyaa kan hin hubanne ta’uu himameera.
Humni garee Shororkeessaa ABUT karaa Xiixxaan cabsee magaalaa Dasee to’achuuf yaalee ture adabamuu eerameera.
Humni kun magaalaa Dasee seenuun dura iddoo jirutti hambisuun danda’amuu maddeen Raayyaa Ittisaa fi Tikaa Nageenyaa adda waraanaa Walloorratti argamanirraa argame ni muul’isa.
Garichi Magaalaa Dasee to’adheera jechuun ololli afuufu olola sobaa ta’uu qaamoleen kunneen beeksiisaniiru.
Hoggantoonnii fi miseensonni Raayyaa ittisaa addichatti argaman humna weeraraa kana yeroo dhumaaf dhabamsiisuuf wareegama seenaan hin daganne raawwaachaa jiraachuu eerameera.
Humni weeraraa kallattii hundaan magaalaa Dasee to’achuuf yaale haalan adabamuun magaalaan Dasee yeroo ammaa harka qaamolee nageenyaa jiraachuu TOI gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.