Humni qilleensichaa wareegama gootoota hedduun kan cichoome dhaabbata jabaadha – L/G Yirmaa Mardaasaa
Finfinnee, Sadaasa 17, 2017 (FBC) – Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa wareegama gootoota hedduun kan cichoome dhaabbata jabaa ta’uu Ajajaa Olaanaan Humna qilleensichaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsaniiru.
Guyyaa Hundeeffama Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa waggaa 89ffaa mata duree ‘humna qilleensaa cimaa, biyya kabajamtuu ’ jedhuun kabajamu ilaalchisee Ajajaa Olaanaan Humna qilleensichaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsa kennaniiru.
Hundeeffama dhaabbatichaarra eegalee gootoonni hedduun lubbuu isaanii wareeguun Itiyoophiyaan barootaaf kabajamtee akka jiraattu taasiisaniiru jedhan.
‘Walharkaa fuudhinsi dhalootaan sadarkaa kanarra geenyerra’, caalmaatti humna qilleensaa ammayyaa ijaaruun dhaloota dhufuuf dabarsuuf damee hundaan hojjetamaa jira jedhan.
Dhaabbatichi bu’uraalee waraanaa yeroon gaafatu guutuu fi dandeettii hidhannoo ammayyeessuun naannawaa qilleensa Itiyoophiyaa haleellaa kamiiyyurraa eegaa jiraachuu dubbachuu ragaan fuula Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia