Humni qilleensichaa Ityoophiyaa kabachiisuuf qophaa’ummaa olaanaarratti argama- L/J Yilmaa Mardaasaa
Finfinnee, Hagayya 23, 2014(FBC)- Humni qilleensaa Ityoophiyaa wareegama kaffalamuu qabu hunda kaffaluun biyyattii kabachiisuuf sadarkaa qophaa’ummaa olaanaarratti kan argamu ta’uu Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Ityoophiyaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsan.
Akkaadaamiin Humna Qilleensaa Ityoophiyaa miseensota raayyaa ittisaa elektirooniksii, suphaa qaamaafi mootora xiyyaaraa akkasumas ogummaa bu’uuraa aveeshiniin leenjisaa ture eebbisiiseera.
Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan haasawaa sagantaa eebbichaarratti taasisaniin, humni qilleensichaa jijjiirama biyyaalessaafi riifoormii dhaabbatichaan booda dandettii qophaa’ummaasaa gama ijaarsa dandeettii humna namaan, hidhannoowwan ammayyaafi teknooloojii guutachuun xiyyeeffannoon hojjechuu eeraniiru.
Eebbifamtoonni haala yeroo biyyattii hubachuuniifi ogummaa baratan gara hojii qabatamaatti jijjiiruun dirqama biyyaalessaa ba’achuu qabdu jechuu ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.