Fana: At a Speed of Life!

Humni qilleensichaa fooyya’iinsa Ityoophiyaa madaalu taasise- Paartilee Siyaasaa

Finfinnee Hagayya 6, 2014(FBC)- Humni Qilleensaa Ityoophiyaa fooyya’iinsa Ityoophiyaa madaalu taasisuu hoggantoonni Paartilee Siyaasaa dorgomtootaa ibsaniiru.

Hoggantoonni paartilee siyaasaa dorgomtootaa 50 ol qindeessummaa Waajjira Muummee Ministiraafi Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaan Humna Qilleensaa Ityoophiyaa daawwataniiru.

Dhaabbatichi guddummaa Ityoophiyaa hubachuun riifoormii seenaa uummata biyyattii madaaluufi miira abbummaa uumu taasisuu isaa hoggantoonni kunneen ibsuu TOI gabaaseera.

Riifoormiin humni qilleensichaa taasise uummata biratti amanamummaa akka gonfatu kan isa taasisu ta’uu eeraniiru.

Dhaabbatichi ergama isaa ga’umsaan ba’achuuf dandeettii humna namaafi teekinooloojii guddisuun naannawaa qilleensaa biyyattii dammaqinaan eegaa jiraachuu Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Ityoophiyaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.