Humni qilleensicha ergama biyyoolessaa ba’uun cinaatti gurmaa’insa dhaabbatichaa ammayyeessuurratti argama-B/J Nagaraa
Finfinnee, Amajjii 6, 2014 (FBC)-Humni Qilleensaa Itoophiyaa ergama biyyaalessaa bahuun cinaatti gurmaa’insa dhaabbatichaa ammayyeessuu irratti argama jedhan Ajajaa Ittaanaa Loojistikii Humna Qilleensa Ityoophiyaa Birgaadeer Jeneraal Nagaraa Leellisaa.
Birgaadeer Jeneraal Nagaraa Leellisaa, diyaaspooroonni Ityoophiyaa Neezerlaand jiraatan waamicha mootummaa fudhachuun dhufuun wayita Humna Qilleensa Ityoophiyaa daawwatan akka himanitti, dhaabbatichi ergama haala yeroo biyyaalessaa ga’umsaan bahachuuf qophii dandeessisu irratti akka argamu hubachiisaniiru.
Diyaaspooroonni kunneen turti isaaniin loltoota miidhamuun Hospiitaala Humna Qilleessaatti argamaniif affeerraa laaqanaa taasisaniiru.
Akkasumas Birrii kuma 500tti kan tilmaamamu uffatawwan garagaraa fi meeshaalee qulqullinaa deeggarsa taasisaniiru
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna..