Humni qilleensaa Ityoophiyaa ga’umsa itti gaafatamummaa biyyaalessaa itti laatame ba’achuu danda’urratti argama- Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa
Finfinnee, Eebila 29, 2014 (FBC) – Humni qilleensaa Ityoophiyaa ga’umsa itti gaafatamummaa biyyaalessaa itti laatame ba’achuu danda’urratti kan argamu ta’uu Ajajaa olaanaan Humna Qilleensaa Ityoophiyaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsaniiru.
Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaa fi Nageenyaa Humna Qilleensaa Ityoophiyaatti daawwannaa dirree taasise.
Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Ityoophiyaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa fi hoggantoonni olaanoon Humna Qilleensarraa Ityoophiyaa jila walitti qabaa korichaa Dooktar Diimaa Nagawoon durfamuuf simannaa taasisaniiru.
Humni Qilleensaa Ityoophiyaa jijjiirama biyyaalessaa hordofee riifoormiiwwan gaggeesseen gama Aviyeeshiniin, Ittisa Qilleensaa,Dandeettii humna namaa fi ijaarsa bu’uuraalee misoomaan milkaa’inni galmaa’uu Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan korichaaf ibsaniiru.
Humni qilleesnichaa yeroo ammaa sadarkaa qophaa’ummaa fi ga’umsa itti gaafatamummaa biyyaa itti kenname ba’achuu danda’urratti kan argamu ta’uu dubbataniiru.
Walitti qabaan korichaa Dooktar Diimaa Nagawoon gamasaaniin, humni qilleensichaa imaanaa mootummaa fi uummanni irra kaa’e kutannoon ba’achaa jiraachuu ibsuun, dinqisiifannaa fi galatni kan maluuf ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.