Fana: At a Speed of Life!

Humni Qilleensaa iddoolee murteessoo ta’an haleeluun faayidaa ala taasiiseera – Meejer Jeneraal Yilmaa

Finfinnee, Sadaasa 2, 2013 (FBC) – Humni Qilleensaa FDRI  iddoolee murteessoo  diinaa haleeluun faayidaa ala taasiisuu Ajajaan Olaanaan Humna Qilleensaa Meejer Jeneraal Yilmaa Mardaasan himan.

Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa FDRI Meejer Jeneraal Yilmaa Mardaasan dhimmota haala yeroorratti ibsa laataniiru.

Iddoolee gareen finxaaleyyii meeshaalee waraanaa itti kuuse, deeppoowwan boba’aa fi iddoolee murteessoorratti haleellaa Jeettiin raawwatameen tajaajila ala ta’uu isaanii Meejer Jeneraal Yilmaa Mardaasan ibsa laataniin eeraniiru.

Haleellaa kanaan iddooleen xiyyeeffannoo keessa turan barbadaa’uu himaniiru.

Gareen Juuntaa ni rukunna jechuun ololaa sobaa umrii guutuu gaggeessuun amala isaati kan jedhan Meejeera Jeneraal Mardaasan, hanga gareen badii kun seeratti dhiyaatuutti haleellaan humna qilleensaa itti fufa jechuu isaan ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni agarsiisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.