Fana: At a Speed of Life!

Humni Qilleensaa garee shorokeessaa ABUT’iin haleelaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2014 (FBC)- Humni Qilleensaa FDRI haala kanaan duraa caalaatti garee shorokeessaa ABUT’iin haleelaa jiraachuu ibsameera.

Humni qilleensichaa haala kanaan duraarra caalaatti garee shororkeessaa kana haleeluu fi sirna awwaalcha raawwachuuf hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu Itti aanaan ajajaa Humna Qilleensaa fi Loojistikii Birgaadeer Jeneraal Nagaraa Leellisaa ibsaniiru.

Tattaaffii ga’umsa dhaabbaticha teeknooloojiinis ta’e humna namaan guddisuuf taasifamu cinatti weerara biyyarratti aggaamame fashaleessuuf hojii boonsaa fi injifannoo guddaa galmeessaa jiraachuu eeraniiru.

Humni qilleensichaa awwaalchi garee shororkeessaa ABUT akka ariifatu ergama itti kenname ba’achaa jiraachuu ibsuun, sochii garichaa  hordofuun haleelaa jiraachuu ibsaniiru.

Maddi:- DhPI

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.