Humni garee shororkeessaa ABUT Sudaan Alamhaal irraan loo’ee seenuuf yaalii taasise barbadeeffame
Finfinnee, Hagayya 28, 2013 (FBC)- Humni garee shororkeessaa ABUT Sudaan Alamhaal irraan loo’ee seenuuf yaalii taasise raayyaa ittisa biyyaatin barbadeeffameera.
Ergamaasa kanaan ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa gudachiisuuf Sudaan irraa loo’ee suunuuf yaali kan taasisaan ergamtoonni garichaa 50 wayita barbadeeffamaan 70 ol kan ta’aan ammoo mada’aniiru.
Qindeessaan damee opporeeshinii humna qinda’aa komaand poostii godina Matakkal Koloneel Saayifaa Ingii, gareen shororkeesaa kun faanjiiwwan farraa namaa fi farraa konkolaattootaa kiyyeessuuf kan yaadee ta’uus raayyaa ittisan diigameera jedhan.
Yeroo amma kanaas bakkichi raayyaa ittisa biyyan humnoonni addaa eegumsa cima taasisaa jiraachuu himu ragaan raayyaa ittisa biyyarra argame ni muul’dhisa.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.