Humni Eeggataa Afrikaa Bahaa ergama isaa akka bahatu gama faayinaansii fi humna namaan biyyoonni miseensotaa gatii kaffalaniiru-F/M Birhaanuu Juulaa
Finfinnee, Guraandhala 6, 2015 (FBC)- Humni eeggataa Afrikaa Bahaa ergama isaa akka bahatu gama faayinaansii fi humna namaa fi yeroon biyyoonni miseensotaa gatii barbaachisaa kaffalaniiru jechuun Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan ibsan.
Walga’iin Itaamaajoor Shuumiiwwanii fi qaamolee baaftota imaammataa miseensota biyyoota Humna Eeggataa Afrikaa Bahaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Walga’icharratti Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aaganyahu Tashaagar, Afrikaatti rakkoolee hedduun quunnamaa jiraachuu eeruun, rakkoon biyya tokkoo rakkoo biyyoota ollaa waan ta’eef, walta’iinsaan hojjechuun murteessaadha jedhaniiru.
Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan gama isaaniin, shororkeessummaa, jijjiirraa mootummaa heera mootummaa hinhordofnee fi yakkoota daangaa ce’oon irra deddeebiin Afriikaatti mudachaa jiraachuu eeraniiru.
Walga’iin kunis rakkoolee kanneenii fi kanneen biroo furuuf yaadota galtee akka dhiyeessu abdii qabaachuu ibsaniiru.
Kana malees wixinee karoora gochaa fi baajataa Humna Eeggataa Afrikaa Bahaa dabalatee dookumantiiwwan barbaachisoo biroorratti xiyyeeffachuun akka mari’atamu dubbataniiru.
Ajajaan Humna Eeggataa Afrikaa Bahaa Jeneraal Geetaachoo Shifarraan, guuyyoottan darban gurmaa’ina dhaabbataa waliigalaa guddisuuf yaadonni dandeessisan dhiyaachuu ibsaniiru.
Walga’ichi sadarkaa Itaamaajoorotaatti guyyoota lamaaf kan itti fufu yoo ta’u, murteewwan dandeessisoo raawwii ergama dhaabbatichaa ni dabarsaan kan eegamu ta’uu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.