Fana: At a Speed of Life!

Humni Diinaa Ibiddaan marfamee haleellamaa jira – Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Sadaasa 15, 2014 (FBC) – Humni Diinaa Ibiddaan marfamee haleellamaa jiraachuu Sadarkaa Ministiraatti Qindeessaan Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Dooktar Alamuu Simeen ibsaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT bakka jirutti marfamee akka barbadaa’u duulli qindaa’aan gaggeeffamaa jiraachuu eeraniiru.

Garichi naannoo Amaaraa fi Afaaritti iddoolee weerara gaggeesseetti miidhaa qaqqabsiisaa jiru dhaabuuf humnoonni nageenyaa haala qindaa’een tarkaanfii fudhachaa jiraachuu himaniiru.

Garee shororkeessaa fi ergamtoota isaa keessaa fi alaa balleessuuf bobbin qindoomina qabu laatamuu kaasaniiru.

Garichi iddoolee qabatee turee akka hin baane dhorkuun duulli qindaa’aan gaggeeffamaa jiraachuu himaniiru.

Hoggantoonni olaanoon gara adda waraanaatti kan duulaan hojii Raayyaa Ittisaa bakka bu’uun hojjechuuf osoo hin taane ummata gurmeessuun garee shororkeessitootaa eessayyuu Gammoojjii Tanbeenitti akka hin deebine dhabamsiisuuf jedhan.

Hoggantoonni mootummaa hedduun waamicha Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad fudhachuun gara adda waraanaatti duuluu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa naannoo Amaaraa obbo Girmaa Yeshiixilaan ibsaniiru.

Ityoophiyaa baraaruuf qophii ga’aan taasiifamuu ibsaniiru.

Maddi:-TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.