Fana: At a Speed of Life!

Humni badii Adda Bilisummaa Ummata Tigraay abdii kutannaan Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI birmadummaa biyyatti tiksuurratti haleellaa banterratti tarkaaffiin fudhatamaa-obbo Shimallis

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2013 (FBC) – Humni badii Adda Bilisummaa Ummata Tigraay abdii kutannaan Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI birmadummaa biyyatti tiksuurratti haleellaa banterratti tarkaaffiin fudhatamaa jira jedhan preezdantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Humni TPLF lammiilee biyya keenyarratti qaamolee hidhatee jiru meeshaalee fi maallaqan deeggaruun nageenya biyya keenya booreessaa ture jedhan obbo Shimallis Abdiisaan.

Humni TPLF halkan kana Kampii Raayyaa Ittisa biyya irratti haleellaa bane waraanaa eegalee jira. Humni badii kun garee ABO Shanee jedhamu hidhachisuu fi deeggaruun gocha badii raawwachurratti argama jedhan.

Humni kun yeroo amma abdii kutaachuun ijibbaata dhumaf falmaataa akka jiru eeruun, humni badii kun qaamolee leenjifachaa ture kanneenitti fayyadamun haleellaa lammiilee nagaa biyyattirratti raawwachaa turun isaa ni yaadatama.
Haleellaan Raayyaa Ittisa biyyaa birmadummaa biyyaa fi nageenya lammiileef halkanii guyyaa hojjetturratti banuun badii daangaa darbeedha jedhan Pireezidaantii Shimallis.

Mootummaa Federaalaa waliin ta’un waraana TPLF nurratti bante kana yeroo gababaa keessatti qulqulleessuun nageenya lammiilee keenya mirkaneessuuf caasaa mootummaa fi kutaalee hawaasaa waliin hojjenna jedhan.

Gareen badii TPLF caasaa leenjifachaa turanitti fayyadamuun lammiilee nagaa, dhaabbilee mootummaa fi miti – mootummaarratti miidhaa dhaqabsisuu wanta malaniif ummanni qaamolee nageenyaa waliin ta’un hojjechuu akka
qabu Pireezidaanti Shimallis waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.