Fana: At a Speed of Life!

Humni badhaadhinaa fi guddina Ityoophiyaa  gufachiisu hin jiraatuu jedhan – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Hagayya 9, 2013 (FBC)- Humni badhaadhinaa fi guddina Ityoophiyaa  gufachiisu hin jiraatuu jedhan itti aantuun kantiibaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.

Miseensoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa fi humni poolisii duraanii Addabaabay Masqalaatti hiriira bahuun rayyaa ittisa biyyaatiif tumsa qaban ibsaniiru.

Miseensoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa duraanii humna Juuntaa biyya diiguuf socha’aa jiru dhabamsiisuuf Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa hiriiruun gahee irraa eegamu kan bahaan ta’uu himaniiru.

Waltajjicharratti kan argaman Aadde Adaanach Abeebee,miseensoonnii fi gaggeessitoonni humna waraanaa fi pooliisii duraanii birmadummaa biyya isaaniitiif kaka’umsa qabaniin Raayyaa Ittisa Biyyaa tumsuun gahee irraa eegamu bahuuf fedhii qaban haala kanaan ibsu isaaniitiin galateeffataniiru.

Hiriircharratti Meejar Jeneral Mardaasaa Leellisaa,Birgaadeer Jeneraal Kaasaayee Camadaa dabalatee, gaggeessitoonnii fi miseensoonni fi maatiin humna waraanaa fi poolisii duraanii hedduun hirmaataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.