Fana: At a Speed of Life!

Humna Qilleensaa Ityoophiyaafi Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsi Birrii miiliyoona 12 taasifame

Finfinnee, Fulbaana 8, 2015 (FBC) – Humna Qilleensaa Ityoophiyaafi Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsi Birrii miiliyoona 12tti shallagamu taasifame.

Kutaan Magaalaa Boolee waajjira kantiibaa magaalaa Finfinnee waliin ta’uun Humna Qilleensaa Ityoophiyaaf deeggarsa sangootaa, hoolotaafi akaakuu Birrii miiliyoona 6tti tilmaamamu taasiseera.

Hojii Raawwachiistuun kutaa magaalichaa aadde Alamtsahaay Shifarraaw, deeggarsi taasisan wareegama raayyaan ittisaa kaffaluun walbira qabamee yeroo ilaalamu xiqqoo ta’uu ibsuun, kutaan magaalichaa hawaasa qindeessuun deeggarsi taasisu cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Deeggarsicha kan fuudhaan Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa FDRI Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan gamasaaniin, deeggarsichi humni qilleensichaa ga’umsa fooyya’aarratti akka argamuuf haamilee kan ta’u ta’uu eeruun, deeggarsa kutaan magaalichaa taasiseef galateeffataniiru.

Bifuma walfakkaatuun naannoo Amaaraatti godinni Shawaa Kaabaa deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 6tti tilmaamamu aanaaleefi bulchiinsota magaalaa gidinichaarraa walitti qabe Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasiseera.

Deeggarsicha hogganaa waajjira godinichaa obbo Tamaalladaa Balaayhuun Raayyaa Ittisa Biyyaa adda waraanaa Raayyaatti argamutti dabarsanii kennaniiru.

Kan gabaase Leyikuun Alam, odeeffannoo dabalataa Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneerraa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.